Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa ”seeraan alaa” hin dhiistu taanaan humnaan ofirraa ittisna- Pirezidantii Somaaliyaa

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa naannawa addatti baatee of bulchaa jirtu- Somaalilaand, waliin mallatteessite cichitee itti fufuun, bulchiinsa kanaaf beekamtii ni kenniti taanaan humnaan ofirraa deebisna jedhan.

Itoophiyaan ejjennooshee itti fufnaan Somaaliyaan dura dhaabbatti, hin eeyyamtuuf,” jechuun Rooyitarsitti himan Pirezidant Hasan Sheek Mohamud.
”Yoo isaan biyya keenyatti seenan, Somaaliyaan ofirraa ittisuuf waan irraa eegamu hundaa ni raawwatti,” jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.
Pirezidant Hasan Sheek Mohamud tarkaanfii akkamii fudhachuuf akka deeman hin ibsine.

Kuni kanaan osoo jiruu gama biraan UNtti Ambaasaadarri Somaaliyaa Gaafa wiixataa Guraandhala 19, 2024, waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaafi Somaaliilaandi jidduutti mallattaa’ee akka waraanni nurratti labsametti ilaalla jedhanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *