Du’aan Boqachuu Miseensa Buleessa ABO Jaal Gaarramuu Dhibbisaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqachuu Jaal Gaarramuu Dhibbisaa gaafa dhagahu gaddi itti dhagahame guddaa dha.
Jaal Gaarramuu Dhibbisaa Abbaa isaanii Obbo Dhibbisaa Aagaa fi haadha isaanii Aadde Wubaayyehu Gugsaa irraa Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Ona Gimbii magaalaa Gimbiitti Adoolessa 23, 1956 dhalatan. Obbolaan Jaal Gaarramuun waliin dhalatan, Alamaayyehu Dhibbisaa, Taammiruu Dhibisaa fi Min’alush Dhibbisaa ti.
Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Biiftuu Gimbiitti akkasumas sadarkaa 2ffaa mana barumsaa waliigalaa Gimbii (Ghimbi Comprehensive Highschool)tti baratan. Jaal Garrammuun barnoota isaaniitti cimaa waan turaraniif yeroo hundaa barnoota isaaniitti adda duree turan. Akkuma kanaan qormaata biyyoolessaa sadarkaa biyyaatti kennamu fudhachuun qabxii ol’aanaa galmeessuun carraa barnoota ol’anaa argatan. Qabxiin isaanii ol’aanaa waan tureef, Yunversitii Finfinnee seenan. Haallli sochii bartootaa bara sanaa fi hiraarsaa mootummaan DERG bartootaa fi qabsaawota irraan gahaa tureen barnooti isaanii Yuunvarsiitii adda citee turus itti deebu’uun Yuunvarsiitii Finfinnee irraa muummee barnoota ‘Accounting’n qabxii ol’anaa galmeessuun xumuratan.
Haala hojiitiin ogummaa bulchiinsaa fi faayinaansiitiin dhaabbilee miti-mootummaa Godina Iluu Abbaa Booraa fi Finfinnee keessatti hojjataa turaniiru.
Hojii namoomaa hojjetaa turan keessaa dhaabbata “Addis Abeba Country Club” jedhamutti Itti gaafatamaa hojii geggeessaa ykn (Executive Manager) ta’uun hojjechaa turan. Jaarmayaa namoomaa “Menschen for Menschen” jaarmayaa gargaarsaa warra Jarmanii keessatti miindeffamuun Godina Iluu Abbaa Booraatti gaafatamaa Horoo fi Bulchiinsaa “Finance and Administration Head” ta’anii hojjetaa turan.
Baroota ummata san tajaajilaa turanitti ummata keenya godina kanaa “Menschen for Menschen” jireenya hawaasaa jijjiiruun beekamuu keessatti Jaal Garramuun adda durummaan kan hojjetanii fi bu’uura gadi dhaaban ta’uu, bu’uuraleen misoomaa naannoo sanatti jaarmayaa kanaan dhaabbatee fi yeroo hedduu seenaan isaanii Dr.Carl waliin kaafamu keessaatti Jaal Garramuu Dhibbisaa gahee ol’aanaa bahataa turuu seenaan isaanii ni mul’isa.
Jaal Gaarramuu Dhibbisaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti hirmaatuun qooda qabsoo isaan irraa eeggamu bahachaa turaniiru.
Jaal Garramuun hojii dhuunfaa isaanii hojjetuun cinaatti, dirqama qabsoo irra osoo jiranii bara bulchiinsa mootummaa abbaa irree wayyaanee qabamuudhaan bara 1994 hanga 2008tti waggoota 14f manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa turan.
Erga hidhaa ba’aniis qondaalummaan hojii fuula hundaa keessaa qooda fudhachaa kan turan Jaal Gaarramuun, bara 2018 yeroo hoogganni dhaabaa biyya galutti biyya keessatti deebi’uun hojii qabsoo hedduu hojjatan. Sana boodas biyya Ugaandaatti deebi’uun Oromoonni roorroo mootummaa Itoopiyaa baqatanii biyyaa bahan biyyoota alaatti akka gurmaawanii jiraatanii fi erga biyya faranjii dhaqaniis ummata biyyaa akka hin irraanfatne, dhaaba qunnamanii qabsoo isaanii akka itti fufan gochisiisuu keessatti qooda ol’aanaa kennaa turan.
Jaal Garramuun baroota Ugaandaa jiraatanitti haga gaafa lubbuun isaanii darbituutti miseensota Hawaasa Oromoo fi Hawaasa Itoophiyaa biyya Ugaandaa jiran waan isaaniif danda’ame hundaan tajaajilaa turan. Jaal Garramuun hawaasa isaanii biratti gara-laafummaa, qajeelummaa, namaaf dhimmuu fi rakko namaa hiikuuf nama dursa kennu ta’uun beekamu.
Jaal Garramuun nama dandeettii fi beekumsa isaaniin qanani’anii jiraachuu danda’an ta’anii utuu jiranii, bilisummaa ummata isaaniif of kennanii qabsaawaa nama turan tahuu seenaan isaanii ni ibsa.
Jaal Garramuun dhibee tasaan dhiigni sammuutti dhangala’uu “Istirookiin” qabamanii biyya Ugaandaa Hospitaala Sambaa, Kampaalaatti argamutti Ammajji 19, 2024 seenanii osoo wal’aanamaa jiranuu dhibee kana irraa dandamachuu dadhabuun gaafa Guraandhala 22, 2024 dhalatanii ganna 68ffaa isaaniitti achuma iddoo itti wal’aanamaa turan biyya Ugaandaatti du’aan addunyaa irraa boqatan.
Biyya Ugaandaatti ijoollee obboleessa isaanii kanneen wajjiin jiraataa turaniin wal’aanamaa turan. Ilmaan isaaniis Canada irraa dhufanii erga ilaalanii deebi’anii guyya tokko booda akka boqotan odeessi jiru ni hubachiisa.
Haadha mana isaanii Aadde Iteenesh Tasammaa irraa ilmaan lama Biniyaam Garramuu fi Haayimaanot Garramuu horatanii biyya Kanaadaatii qabu.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Jaal Gaarramuu Dhibbisaa du’aan of biraa dhabeef gadda itti dhagahame ibsataa, isaaf Rabbiin haa araaramu, maatii, firoottanii fi jaallan isaa maraaf obsaa fi jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 28, 2024
Finfinnee