Kana booda Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa naannoo qilleensaa Somaaliyaa irra hin balali’u jedhame.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa daandii balalii idil addunyaa Somaaliyaa irra godhu jijjiiruu beeksise.
Akka Daandiin Qiilleensa Itiyoophiyaa jedhetti ammaan booda kan 🇸🇴 Somaliyaa irra darbaa ture Jibuutii irra darba jedheera
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balaliistonni isaa komii naannoo qilleensaa Somaaliyaa waliin walqabatu hedduu dhiyeessan jechuun komii ka’e irraa ka’uun tarkaanfii kana fudhachuu isaa beeksiseera.
Kun kan ta’e yeroo waldhabdeen qilleensaa Somaaleelaandii fi Somaaliyaa addaan baate gidduutti uumameettis jedheera.
“Kanaaf deebii kennuudhaan nageenya imaltootaa fi hojjettoota keenya eeguuf tarkaanfii ariifachiisaa kana fudhanneerra” jedhe Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa