Waraanni Bilxiginnaa Dirre Dhawaatti Artist Sharmaakiree Aadam yoo hidhuu Finfinneetti ammoo Obbola lama ukkaamsun dhaga’ame.

Waraanni Bilxiginnaa Dirre Dhawaatti Artist Sharmaakiree Aadam yoo hidhuu Finfinneetti ammoo Obbola lama ukkaamsun dhaga’ame.

(SQ-Caamsaa 31,2022)

Waraanni Bilxiginnaa Caamsaa 29,2022 Godina Harargee Bahaa magaalaa Dirre Dhawaatti, Artist Sharmaakiree Aadam halkan osoo inni mana isaa keessa rafaa jiruu ukkaamsuun haga Oduu kana qindeessinetti bakki geessan hin beekamne jedhu maddeen SQ.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Artist Sharmaakireen, nama siyaasa keessa qooda hin qabneefi hojii Aartii qofaa hojjetudha jechuun, badii tokko malee hidhuun waan dabaatis jedhu.

Odumaa walfakkaatun Caamsaa 18,2014 ALHtti Magaalaa Finfinnee Askoo naannoo Mana Amantaa (Betekiristanii) Kidana Miraatii jedhamu humni tikafi waraanni Bilxginnaa obbolaa lama Wubalem (Mimmii) Asafafi Alamayyoo Asafa kanneen jedhaman Mana jireenya isaanii keessa ukkamsuu maddeen SQtti hima.

Akka maddeen keenya jedhanitti tikifi waraani Bilxginnaa konkolaataa Pickup 3n dhufun gaafii tokko malee ukkaamsaani deeman jedhu.

Wubalem fi Alamaayyoon mana kireefatani jiraatan keessa qabamu kan nuuf himan maddi keenya namoonni oola isaanii jiran gadi ba’aani yoo gaafatan waraanni PP isaaniis jilbeefachiisun dorsiisani deeman jedhu.

Wubalem hojii barbaachaaf magaalaa Finfinnee kan jiraatu yoo ta’u obboleessi ishee Alamaayyoon immoo Passport baafachuuf Naqamtee irra ishee bira dhufe ture jedhu

Maatiifi Hiriyyoonni isaanii manneen hidha adda addarra deemun barbaadani kan dhaban yoo ta’u eessa akka jiraanifi maal irra akka jiran oma quba hin qabnu jedhu.

Tibba kana magaalaa Finfinnee dabaltee bakkoota adda addatti tikifi waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhufi dhabamsiisuu jabeesse itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *