Jaal Batteen Qabsaa’aa Oromoof dhalatee osoo Oromoof qabsaa’uu wareegamedha

Seenaa Gabaabaa Jaal Battee Urgeessaa Bulaa (1978-2024)

Jaal Battee Urgeessaa Bulaa godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaa Ganda Baqalee Girrissaatti abbaa isaa obboo Urgii(Urgeessaa) Bulaa fi haadha isaa addee Goodannoo Bobbaa irraa bara 1978 ALA dhalate. Jaal Batteen ganduma Baqalee-Girrissaatti sadarkaa 1ffaa bara 1988-1991 kutaa 5-8 magaala Maqii mana barumsa giddu galeessa Maqiiti xumurate. Itti aansee bara 1992-1995tti sadarkaa lammaaffaa kutaa 9-12 mana barumsa Katoolikii Maqii bara 1995-1998 qabxii ol’aanaatin 3.6 fiduun Yuunivaristii Bahaar-Dariitti ogummaa barsisummaatiin leenji’e. Barnoota Bayiloojii bara1999-2005 kaasee kan barate yoo ta’u jaal Batteen erga ogummaa barsisummaattin eebbifame booda mana barumsa sadarkaa 2ffaa Dobonsokoo Baatuu barsiisumaan ramadamee hojjate. Kelleejjii Araambeetis itti gaafatamummaa fi kollejjii Q/Mariyaam Adaamaa qindeessaa barumsa fagoo ta’uun tajaajile. Itti fufiinsaan kollejjii fayyaa kiyaa Medi Naqamtee itti gaafatamummaan osoo hojjetu fedhii barumsaaf qaburraa kan ka’e ogummaa fayyaatin qoondala fayyaa(Health officer) baratee qabxii ol’aanaatin raawwate. Magaala Naqamteetti ammoo dabalataan Yunivarsitii Wallagaatti digrii jalqabaa economics fi barumsa digirii 2ffaa isaa gosa barumsa agro economics barate.

Jaal Batteen sababa saboonnummaa isaatiif bakka hojjate hundatti dhibbaa isarra gahuuf mataa gadi qabatee jireenya kooti jedhee sodaatu waan hin tureef dhibbaa keessaa fi alaan isarra gahuuf nama harka kennatu hin ture. Nama cimaa dhimma sabaa irratti sodaa tokko hin qabne waan tureef carraa argame hundatti sadarkaa 2ffaa kaasee qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barattoota ijaaraa ture. Yeroo Yunivarsitii B/Daarii tures barattoota Oromoo qindeessuu keessatti gahee ol’aanaa gumaachaa turuu isaa seenaan ni yaadata. Sababii kanaaninis hammeenyaaf saaxilamee hidhaame.
Jaal Batteen bara 2010 gaa’eela kan godhate yoo ta’u abbaa ijjoollee afuriti: dhiira tokko fi dubartoota sadiiti. Qabsoo Oromoo keessatti hirmaannaa oo’aa jaarmiyaa ABO keessatti mandheelee ijaaruu irratti qooda boonsaa gumaachaa ture. Dirqama maadheelee ABO ijaaruu kan eegale Yunivarsitii B/Dariitti yoo ta’u bara 2005tti godina Sh/Bahaatti mandhee ABO qindeessuu keessatti qooda ol ‘aanaa bahachaa ture. Jaal Batteen haala sochii qabsoo gara jabina sirna impayara kanaatin hammaachaa deemus qabsoo dhiisee hin teenye. Bara 2010tti filannoo biyyooleessaa impayaraa irratti KFO bakka bu’ee aanaa Dugdaattii parlaamaaf dorgomee ture.
Jaal Batteen nama ejjannoo hin raafamne qabu waan ta’eef sochii Qeerroo keessattis dura bu’ummaan hiriira qindeessaa ture; gaggeessaa cimaa fakkeenya gaariin hoogganu waan taheef lukkuulee Wayyaanee yeroo sanaatin caba lafee cabus isa mudatus qorqalbiin isaa hanga guyyaa wareegamuutti cabsuun hin danda’amne. Jaal Batteen jaala qaalii lubbuu qaalii isaa gootummaan saba isaatiif dabarsee kenne. Hanga gaafa rasaasni diinaa qaamaa fi adda isaa irra bu’etti irbuu saba isaatiif seene hin sharafne; waadaa isaa irra ejjatuu mannaa hadhaa wareegama boonsaa dhandhamuu filate. Jaal Battee Urgeessaa gaafa 9/04/2024 Magaala Maqiitii Hoteela inni Mana Siree Abhem kireeffatetti keessaa halkan baasani bakka mazoora Girrissaa jedhamutti rasaasa jahaan mataa fi dugda isaatti roobsuun ajjeesani alatti darban. Barii isaa gaafa guyyaa 10/04/2024 reeffi isaa argame.
Gumaa fi biiluun goota kanaa ni baati; kayyoon inni itti wareegame galma ni geessi!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *