Sirni Awwaalchaa Jaal Battee Urgeessaa raawwatame

Qabsaa’aa mirga namaa kan tahee fi Qondaala Siyaasaa ABO Jaal Battee Urgeessaa guyyaa har’aa Ebla 10/2024 bakka dhaloota isaa Magaalaa Maqiitti bakka hawaasni Naannoo akkasumas jaallattootni isaa fi Ummatni bal’aan argametti raawwateera.

 

jaal Batteen Ebla 8/2024 halkan keessa Naannoo sa’aatii 6:00tti humnoota waraanaa ppn bakka ciisicha isaatii fuudhamuun erga dararama hamaa irraan gahanii booda harka isaa duubatti hidhuun rasaasa jahaan ajjeesuun gataniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *