Maatii Jaal Battee jajjabeessuun itti fufeera

Hogganootni, miseensotnii fi deggertootni dhaabota adda addaa akkasumas sab-boontotnii fi ummatni Oromoo maatii Jaal Battee Urgeessaa qaamaan achitti argamuun jajjabeessan.

Hoggantootni fi qondaalotni, akkasumas miseensotni ABO fi Miseensotni Gumii Waloo Jaarmiyaalee Siyaasaa Finfinnee kan Obbo Mulgeetaan durfamu mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.

Ebla 12/2024 HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Jaallan biroo waliin deemanii kanjajjabeessan yoo tahu guyyaa har’aa Ebla 13/2024 Hogganootni Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dura ta’aan dhaabichaa Prof.Mararaa Guddinaa kan keessatti argaman akkasumas, hogganootni HIBIR Itoophiyaa dura ta’aa paartichaa Obbo Girmaa Baqqalee, Itti aanaa dura ta’aa EPRP Obbo Maggaabii Addis Abraha, dura ta’aa Sochii Biyyoolessaa Walaayittaa Obbo Amaanu’eel kan keessatti argamanii fi kanneen biroo mana Jaal Batteetti argamuudhaan maatii isaa jajjabeessaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *