- Ijaarsa jaarmiyaa ala ABO tti Konyaan Gadaa Bilisummaa Oromoo magaalaa Edmenteen yaadannoo GGO Ebla 15 kan bara 2024 fi sirna dungoo qabsisuu taasisuun wareegama Qondaala ABO Jaal Battee Urgessaa yaadatee ooleera.
=============================
Konyaa Gadaa bilisummaa Oromoo magaalaa Edmenteen hawaasa Oromoo Kaaba Albeerta waliin ta’uu dhaan GGO ebla 15 kan bara 2024 fi sirna dungoo qabsiisuun wareegamuu qondaala ABO Jaal Battee Urgeessa yaadatee ooleera. Ayyana kana irratti qaamooleen hawaasaa,abbootiin amantaa fi kanneen waamichi godhameef kan argaman yoo ta’u jaarmiyaa ABO biyya alaa bakka bu’uun Dr Shuguxi Galataa toora bilbilaan hirmaatootaaf dhaamsa guyyaa kana dabarfataniiru.
Hirmatonni guyyaa yaadannoo kanaa wareegamtoota Oromoo yaadachuun kaayyoo isaan irratti wareegaman galmaan ga’uudhaaf akka waadaa dacha godhatan ibsatanii jiru. Keessaattu bakka bu’ooti waldaa hawaasaa fi geggessitoonni waldaa hawaasa Oromoo Kaaba Alberta guyyaan gootota Oromoo akka hawaasa Oromootti sirnaan addunyaa marattu kabajamuu qaba jedhan, keessumman guyyaa kanaa dr Shuguxi Galata gama isaaniin wareegama jaal Battee Urgeessatti dhabni isaanii ABOn guddoo gadduu fi wareegama hanga har’aa kaffalamaa dhufe keessatti qoodni miseensota ABO qabsoo har’a irra jirruuf utubaa dha isa kana galmaan ga’uuf daran cimnee akka jarmiyaatti ijaaramuun barbaachisaa ta’uu dhaammataniiru. Hirmatonnis maatii wareegamtootaa gargaaruun dirqma hawaasa oromoo ta’uu walitti dhammatuun guyyaan yaadannoo gootota Oromoo fi sirni yaadannoo dungoo qabsiisuu Wareegama Jaal Battee Urgeessaaf taasifamee haal milkiin xumurameera.
Edmonton, Canada
Gabaasni Raajii G