Daandiin gargaarsa namoomaa hin saaqamu taanan tarkaanfiittin ceha jette Tigiraay!

Daandiin gargaarsa namoomaa hin saaqamu taanan tarkaanfiittin ceha jette Tigiraay!

(SQ-Bitooteessa 1,2022)

Daandiin gargaarsa namoomaa kallattii maraan cufamee jiru hatattamaan hin saaqamu taanan tarkaanfii biraa fudhachuuf akka dirqamu mootummaan Tigraay beeksisee jira.

Torbee darbe kana gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuuf Dhaabbbata Mootummoota Gamtoomanii fi Biltsiginnaa gidduutti waliigalteen godhamee ture kan jedhan Dubbii Himaan Komaandi Poostii Tigraay Geetaachoo Raddaa, tahus waadaan galame cabee konkolaattonni gargaarsa namoomaa feโ€™an gara Tigraayitti akka hin seenne Affaar keessatti ugguramanii jiru jedhan.
Konkolaattoti gargaarsa namoomaa feโ€™atan akka Tigraay hin seenne kan uggure qondaalota Affaar tahanillee, rakkoo uumameef garuu gaafatamaan mataa Biltsiginnaa Abiyyi Ahimad dha jedhan Obbo Getaachoon.

Waan taheefis, haawaasni Idil-Addunyaa daandii gargaarsa namoomaa kana saaquuf dhiibbaa barbaachisu taasisuu qaba; tahuu baannan garuu Tigraay tarkaanfii biraa fudhachuuf dirqamti jedhan.

Tarkaanfiin biraa jedhame maal akka tahe kan hin ibsamne tahus, lola dhaabbatee ture itti fufuu tahuu dandaโ€™a jedhamee tilmaamameera.

Qaamoleen lameen dhimma gargaarsa namoomaa gufachiisuu irratti tokko isa kan biraa himataa turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *