Horroo Guduruutti Waraanni Bilxginnaa Dargaggoo Darajjee Bakiruu ajjeese.

(SQ-Bitooteessa 1,2022)

waraanni Bilxiginnaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Guddattuu Gannatiitti Gurraandhala 20/2022 Dargaggoo Darajjee Bakiruu Waaqoo jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeessan jedhu maddeen SQ.

Darajjeen nama ganna 23 yoo ta’u barnoota isaa koollejji irraa xumuruun hojii barbaaduuf magaalaa Shaambuu jiraachaa kan ture yoo ta’uu maatiin isaa qonnaan bultoota waan ta’aniif isaan gargaaruuf gara baadiyyaa deeme jedhu.

Gurraandhala 20/2022 Darajjeen gara mana Amantaa deemuuf yeroo inni gadi ba’u waraanni Bilxiginnaa Guutummaa ganda Guddattuu Gannatii weeraraa waan jiraniif yeroo inni akkuma uummata kaanii jalaa baqatu daqiiqaa 30 ol ariyaani bakka Waldaa Mulu Wangeelii Iftuu Walamee jedhamutti qabachuun Mobile fi Qarshii Giiphii isaa keessa jiru erga harkaa fuudhan booda achi garagali jechuun rasaasa itti roobsan jedhu.

Darajjeenis dhiiginisa erga sa’a 4f dhangala’e booda Uummati mana amantaati ba’a turan arguun maatii isaa itti waaman maatiin isaas gara hospitaala shaambuu geessanis rasaasa hedduun waan rukutameef Soombisaa akka malee ciccitee waan tureefi dhiignisaa hedduu waan dhangala’eef Gurraandhala 21/2022 lubbuun isaa dabarte jedhu maddeen.

Darajjeen maatii isaaf ilma angafaa yoo ta’u hawaasa naannoo keessatti nama jaallatamummaa guddaa kan qabufi, Siyaasa keessaas nama qooda hin qabne ta’uu odeessi arganee ifa godha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *