Ameerikaan nama ogeessi IT eessa akka jiru natti himuu danda’u doolaara miliyoona 10 nan kaffala jette.

Ameerikaan nama ogeessi IT eessa akka jiru natti himuu danda’u doolaara miliyoona 10 nan kaffala jette.

Dargaggeessi kun odeeffannoo hatame kana dhaabbilee Chaayinaatti gurgure jedhama.

Ogeessi teeknooloojii odeeffannoo ganna 30 Guan Tianfeng bulchiinsa Chaayinaa Sichuan keessa jiraata.

Dargaggeessi kun ogeessa dhaabbata teeknooloojii odeeffannoo Sichuan keessatti qacaramee hojjetu yoo ta’u, bara 2020 keessa haleellaan saayibarii hamaan dhaabbilee Ameerikaa irratti raawwachuu isaa gabaafameera.

Sababa haleellaa dargaggeessa kanaan odeeffannoowwan ijoo kuma 81 akka hataman kan himamu yoo ta’u, dhaabbileen ijoo Ameerikaa haleellaa kanaan miidhamtoota ijoo ta’uu FBIn marsariitii isaa irratti ibseera.

Dargaggeessi kun odeeffannoo ijoo butamuu isaa dhaabbilee daldalaa fi mootummaa Chaayinaaf dabarsee kennuunis ibsameera.

Odeeffannoo dargaggeessi kun hate keessaa jechoota dabarsoo dhaabbilee idil-addunyaa hedduu, odeeffannoowwan faayidaa qabaniifi bu’uuraaleen biroo kanneen ijoodha.

Qoqqobbiin USAn kan kaa’ame erga hojjechiisaan dargaggeessa kanaa namichi kun eessa akka jiru hin beeku jechuun gaaffii Ameerikaan dabarsee kennuuf dhiheessiteef deebii kennuudhaan ture.

Kanaaf Ameerikaan nama dargaggeessi kun eessa akka jiru natti himuu danda’eef badhaasa qarshii miliyoona 10 akka kennitu beeksiftee jirti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *