Arsiitti murni PP sabboontotaa fi miseensota ABO jumulaan hidhaa jiru.

Go back

Your message has been sent

Warning
Warning
Warning
Warning

Warning.

#Arsii

Godina Arsii Lixaatti ummata nagaa fi maatii miseensota ABO jumulaan hidhaatti guuruun itti fufeera.

Murni Abbaa Irree PP calqaba bara haaraa Amajjii 01, 2025 irraa eegalanii ummata  nagaa  fi maatii miseensota ABO kan keessatti argaman namootni 25 ol bulchitoota PPn hidhamaniiru. 

Tarrisa namoota murni PPn bara haaraa 2025 hidhamanii:

1) Haliimaa Arsichaa

2) Shaashuu Huseen

3) Abbunnaa Guyyee

4) Araarsoo Burqaa

5) Urgeessaa Hedatoo

6) Eda’oo Bariisoo fi

7) Eda’oo Sakattee kanneen jedhaman warra hidhaman keessatti argamanidha.

Murni PP miidiyaan marii biyyaalessaa fi araara jechaa miidiyaa duubaan immoo sabboontotaa fi namoota miseensota ABO tahan jumulaan hidhaatti guuraa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *