Hojjettoonni kuma 5 ol waliigaltee isaanii akka addaan citu ajajni kenname.
Ministeerri Fayyaa hojjettoota deeggarsa CDC fi USAIDn qacaramanii kuma 5 ol waliigalteen isaanii akka addaan citu ajajeera.
Ministeerri Fayyaa hojii ykn kaffaltii deeggarsa baajataa CDC ykn USAID irraa argamuun raawwatamu kamiyyuu akka dhaabu mootummaa Ameerikaa irraa beeksisa argachuu isaa beeksise, kunis Amajji 24, 2025 irraa eegalee akka dhaabbatu beeksiseera.
Xalayaan Deetaa Ministira Fayyaa Mootummaa Dr. Dereje Duguma mallatteessanii waajjiraalee fayyaa naannolee hundaaf raabsame kun, “Tajaajila hojjettoota deeggarsa CDC ykn USAID tiin qacaramanii hojii hojjechaa jiran waliigaltee isaanii Amajji 24/2025 irraa eegalee kan addaan citu tahuu isaa beektanii hojjettoota mana hojii keessan keessatti argaman akka beeksiftan isinii Ibsaa fuula duratti murtiin addaa kan jiru yoo tahe xalayaa birootiin kan isin beeksifnu taha jedha..
Ibsa dabalataa Ministirri Deetaa kennaniin akka ibsanitti, lakkoofsi hojjettoota kontiraata qaban guutuu biyyattii keessatti karaa CDC fi USAID 5,000 akka caalu ibsaniiru.
Ministirri kun, “Namootni akka of qopheessanidha , garuu mootummaan Ameerikaa yaada isaa jijjiiruu danda’a. Wanti tokko yoo jijjiirame itti fufuu mala. Haa ta’u malee, haala amma jiruun yoo nu deeggaru dhiise furmaanni biraa argachuu qaba” jedhan.
“Sababa kanaafis hojjattoota keenyi of qopheessuu qabu mootummaa waliin haasa’aa jirra. Hojjettoonni CDC fi USAID hojii akka dhaaban, hojjettoonni mootummaa ammoo hojii isaanii akka itti fufan murtaa’eera,” jedhan.
Deetaan Ministeeraa Dr Darajjee Dhugumaa yaaddoowwan jirus akka armaan gadiin himan:
▶️“Yaaddoon keenya inni guddaan hojjettoota CDC ti, sababiin isaas baajatni kallattiin gama keenyaan waan dhufuuf, garuu USAID ofii isaatii waliigalteewwan qacaree addaan kuta.” Jedhan
▶️Mootummaan Ameerikaa yaada isaa jijjiiree odeeffannoo biroo yoo kenne odeeffannoo biroos kennuu dandeenya Haa ta’u malee, murtee mootummaa Ameerikaa amma irra jiruun waliigaltee isaanii addaan kutuun barbaachisaa waan ta’eef xalayaa kanaan beeksifnee jirra.
▶️Lakkoofsi isaanii sirritti murteessuuf odeeffannoo walitti qabuuf hojjechaa jirra garuu 5000 ol tahu hundi isaanii kontiraatadha. Kontiraatni isaanii immoo waggaa waggaan kan haaromfamudha.
▶️Baay’ee barbaachisoo waan ta’aniif waggoota 15 ykn 20f baajata guddaa akkasii qabatanii hojjechaa waan turaniif hojii isaanii irratti rakkoo fiduu danda’a.
▶️Namoonni baay’een kun yeroo tokkotti damee kanarraa yoo ari’aman rakkoon uumamuu danda’a Wanti guddaan itti gaafatamummaa hojjetaa mootummaa itti gaafatamaa ta’etti dabarsuu akka hojiin hin jeeqamneef.
Hojii salphaa miti, garuu waan dandeenyu hunda ni hojjenna jedhan Dr Darajjeen.
Mootummaa Ameerikaa irraa murtoo xumuraa hin dhageenye, kanaaf yeroodhaa gara yerootti murtoo adda addaatu kennamaa jira mootummoota Afrikaa hundas Waanuma Itiyoophiyaa nudatetu mudachaa jira hundumaa waliin mariiyachaa jirras jedha Deetaan Ministeera Fayyaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas sadarkaa boordiitiin biyyoota Afrikaa hunda waliin marii gaggeessaa jira.
Hojjettoonni dhiibbaa uumamu akka hubataniifi furmaata barbaaduuf waliin hojjechuu akka dandeenyuuf mootummaattis beeksifnee jirra.
Yoo kun itti fufe murteewwan ulfaataa biroon bittaa qorichaafi deeggarsa biroo addaan cituu ni malas jedhan.
“Dandeettii keessoo fi humna namaa daangeffame kanaan, tatamsa’ina dhukkuboota ittisuu fi irra deddeebiin akka hin mul’anneef tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuun barbaachisaa dha. Qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jirra, bu’aa fi murteewwan itti aanan guyyoota itti aanan keessatti ni ifoomsina,” jedhan Deetaan Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa.