Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhimma USAID irratti mootummaan deeggarsa dippilomaasii akka godhu gaafate
Ityoophiyaan duraan waggaatti gama USAID tiin gargaarsa doolaara biiliyoona 1.6 ol argachaa turte.
Manni marichaa murteen tasa bulchiinsi preezdaant Doonaald Tiraamp USAID irratti dabarse hojii dhaabbilee hedduu Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumeera jechuun hubachiiseera.
Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhimma USAID irratti mootummaan deeggarsa dippilomaasii akka godhu waamicha dhiyeesse.
Ji’a tokko dura pirezidaantii Ameerikaa ta’uun gara aangootti kan dhufan Doonaald Tiraamp, dhaabbata gargaarsa Ameerikaa USAID, gargaarsa namoomaa hatattamaa irraa kan hafe hojii biraa akka hin hojjenne daangessuu isaanii hibachiisuun isaanii ni yaadatama.
Kana boodas biyyoota dhaabbatichi deeggaru keessaa tokko kan taate Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa uumeera.
Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbileen waldaalee siivikii Itiyoophiyaa keessa jiran baay’inaan USAID waliin hojjechaa akka jiran fi murteen kun dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u hubachiiseera.
Dhaabbilee waldaalee siivikii kuma 5 ol miseensa tahanii fi pirezedaantii mana marichaa kan ta’an Ahmed Huseen akka jedhanitti murteen guyyoota 90f USAID irratti murtaa’e kun akka tasaa murteen sun darbuun miidhaan isaa guddaa ykn hamaa tahuu himan
Akka Pirezidaantichi jedhanitti murteen kun hojiiwwan nagaa, fayyaa, hawaasummaa, fi kanneen biroo dhaabbileen lammummaa hedduun hojjechaa turan fi hojjechuuf karoorfatan gufachiiseera.
Kana malees, dhaabbileen waldaalee siivikii hojjettoota hanga 150 qabaniifi USAID irraa maallaqa argachaa turan hojjettoota isaanii hojii irraa ari’aniiru kan jedhan Obbo Ahmad, murteen kun pirojektoota kanaan dura jalqabaman hedduu akka dhaabsisan himaniiru.
Fakkeenyaaf, Uggura USAID irraa kan ka’e, buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti deebi’uun, tajaajilli fayyaa, marii waldhabdee hiikuu, fi hojiiwwan biroo addaan cituu akka danda’an Pirezidaantichi dubbataniiru.
Ahmad itti dabaluudhaan mootummaan baajataa fi qophiiwwan biroo karaa dhaabbilee hawaasa siivikii hojiirra ooluu danda’an gochuu dhabuun isaa miidhaa guddaa ta’uu ibsaniiru.
“Baajata murame akka carraatti fayyadamuu qabnu akka jiru ni hubanna.” Kun ammoo miidhaa yeroo hunda biyya tokko keessatti baajata diriirsuu keessaa isa tokko. ”Qormaata waliin carraan akka dhufu ni amannas,” jedhan.
Mootummaan deeggarsa dabalataa dippilomaasii fi kanneen biroo gochuu akka qabu kan himan Ahimad, uggurri kun biyya walitti bu’iinsa keessa jirtu tokko irratti miidhaa guddaa geessisuu waan danda’uuf yoo xiqqaate deeggarsa kana itti fufuuf carraaqqiin dippilomaasii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.