,Manni murtii Birbirsa Gooroo beellama Qondaalota ABO galmee jaal Yeroosan jala jiran achi fageessuun dhaga’ame

,Manni murtii Birbirsa Gooroo beellama Qondaalota ABO galmee jaal Yeroosan jala jiran achi fageessuun dhaga’ame

(SQ-Bitootessa 3,2022)

Qondaalota ABO kanneen galmee jaal yeroosan Hayyuu jala jiran Manni murtii dhimma keenya nuuf haa ilaalu jechuun iyyatanii kan turan guyyaa har’aa jechuun Gurraandhala 24/6/2014 ALI,tti Mana murtii Birbirsa Goorootti dhiyaatanis Abbaan alangaa qorannoo koo hin fixne jechuun guyyaan 11 akka achi siquuf gaafate, manni murtiis beellama Obbo Yeroosaniifi Waahillan isaanii gaafa Bitooteessa 5/2014 ALItti dabarsuun dhaga’aame.

Oduuma wal fakkaatuun Mana hidhaa Abbaa Saamu’el jedhamu keessatti Qondaalota ABO dabalatee hidhamtoonni Siyaasa Oromoo 148 ta’aan hidhamanii jiraachuu odeessi arganne ifa godha.

Badii tokko malee Mana hidha keessatti dararamaa kan jiran Qondaalonni ABO yeroo garaa garaatti manni murtii bilisa baasus, tiknifi poolisiin Mootummaa Bilxginnaa ajajaa mana murtii cabsuun mana hidhu adda adda keessatti dararaa jiraachuun beekamadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *