Booranatti hojjettoonni mootummaa hiriiraa ba’uun saamicha Bilxiginnaa balaaleffatan.
(SQ-Bitootessa 3,2022)
Bitootessa 3,2022 Godina Booranaa Aanaa Waacilleetti hojjettoonni mootummaa hiriira guddaa ba’uun saamichaa kaadiroota Bilxiginnaan Uummata irratti rawwaata jiran mormuu maddeen SQ nuuf himan.
Godinni Booranaa Sababa Hongeefi beelaan kanneen miidhaman keessaa tokko yoo ta’aan Kadiroonni Bilxginnaa uummataa Hongeef Beelaan miidhamaa jiru saamu fi gidirsuutti argamu.
Sababa adda adda uumuun Mootummaan Bilxginnaa hojjettoota Mootummaa irraa miindaa kutuunis Fincila har’aaf sababa ta’eera jedhu.
Hiriira mormii Aanaa Waacilleetti hojjettoota Mootummaan geeggeefame kana irratti dhaadannowwaan kanneen akka:-
saamichi uummata irraa haa dhaabbatu
saamichi qamadii haa dhaabbatu
saamichi mindaa hojjattoota mootummaa haa dhaabbatu
deeggarsii uummataaf haa kennamu
furushkaaf qamadi gurgurachuun haa dhaabbatu
Bishaan, pilaamp, samunaa, uffanni maanguddoota humna hin qabnee fi ijoollee hanqinna nyaata qabaniif kennamu guutummatti gurgurachuun haa dhaabbatu kan jedhu fi kkf dhaadachaa akka turan SQ odeeffateera
Hiriirri sun guutummaan guutuutti saamicha Bilxiginnaan uummata irratti geggeessaa jiru kan balaaleffate ta’uus beekun danda’aamera.