Manni Maree Mirga Namoomaa UN komishinaroota dhimma Itoophiyaa qoratan muude.

Manni Maree Mirga Namoomaa UN komishinaroota dhimma Itoophiyaa qoratan muude.

(SQ-Bitootessa 3,2022)

Manni Maree Nageenyaa UN sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti waraanni dhalachuun booda raawwatame qorachuuf komishinii Itoophiyaan ” beekamtii hin kennuuf” jetteef komishinaroota sadii muude.

Pireezidantiin mana marichaa Ambaasaaddar Federiikoo Vileegas hooggantuu mana murtii yakkaa idila-addunyaa kan turte Fatuu Bensoodaa dura teessuu komishinaroota sadii of keessaa qabuu gochuun muuduu ibsa manni marichaa baaserraa beekameera.

Dubartiin Keeniyaa Kaarii Beetii Muruungii fi lammiin Ameerikaa Isteeveen Raatneer komishinaroota lamaan hafan dhimma Itoophiyaa qorachuuf komishinii hundaa’e hooggananiidha.

Manni Maree kun Muddee darbe yaa’ii addaa gaggeesseen komishinii mirga namoomaa idila-addunyaa hundeessuun Sadaasa bara 2020 waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen wal-qabatee sarbama mirga namoomaa, fi kan baqattootaa qaamolee waraana keessatti hirmaatan hundaan raawwate qorachuuf sagalee caalmaa argateen murteesse.

Mootummaan Itoophiyaa murteen kun bu’aa qorannoo dhaabbatni mirga namoomaa Itoophiyaafi kan UN argataniif beekamtii kan hin kennine, yaada furmaataa qaamoleen lameen dhiyeessan hojiirra oolchuufis hiree kan hin kennine jechuun fudhatama dhabsisuun ni yaadatama.

Komishinaroonni sadan ”sarbama mirgaa raawwatameera jedhamu ilaalchisee dhugaawwaniifi haalota jiran hubatu, ragaalee sassaabuun kuusu, warra gaafatamoo ta’an adda baasu, odeeffannoo kanas qooduufi itti fayydamuun yaalii gaafatamummaa mirkaneessuuf eegalamee jiru fi itti fufuu deeggaru” jedha ibsi dhaabbatichaa.

Labsii hundeeffama komishinichaa raggaase irratti komishiniin haaraan kun gabaasa waajirri komishinii mirga namoomaa UN fi komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa waliin baasan fi yaada furmaataa dhiyeessan irratti akka gabbisu ibsameera.

Komishinaroonni kunniin Waxabajjii ykn Adoolessa keessa gabaasa afaanii akka dhiyeessan, kan barreefamaa ammoo Fulbaana ykn Onkoloolessa akka galchan gaafatamaniiru.

Maddi BBC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *