“Uummanni meeshaa miti amma eeboo gaariilleen manaa hin qabu. Faannoon hidhatanii waan jiraniif raayyaa ittisaas, warra bosonaas ni rukutu

“Kuma 700 galchinee obboleessa keenya lakkisiifanne;Baankii ACCOUNT sun Bahirdaaritt banama Maqaan isaas suuraa nama sanaan ni jira ilaalleerra”. Maatii miidhamtootaa

 

“Uummanni meeshaa miti amma eeboo gaariilleen manaa hin qabu. Jarri kunimmoo hidhatanii waan jiraniif raayyaa ittisaas, warra bosonaas ni rukutu

 

Godina Wallagga Bahaatti jiraattonni aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu saababa hidhattoota Faannootiin imala konkolaataa balaadhaan guutame keessa bakkaa bakkatti socho’u.

 

Jiraataan aanaa Giddaa ayyaanaa yaaddoo nagenyaaf jecha maqaa kiyya hin ibsinaa jedhan yaada BBCf kennaniin, imalli Naqamtee fi Giddaa gidduu konkolaataan taasifamu waggoota afran darban jiraattota gatii guddaa kaffalchiisuu himu.

Torbanuma keessa jirru kana keesatti hidhattoonni Faannoo konkolaatota Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaa imalaa turan lama dhaabsisuun namoota ukkaamsanii fudhachuus eeru.

“Rakkoon kun erga jalqabee bubbuleera. Keessumaa erga hidhattoonni Faannoo jedhaman naannoo keenya kanatti ijaaramanii kaasee irra deddeebiidhaan konkolaataa irratti tarkaanfii fudhachuun lubbuu baayyee altakkaatti galaafachuun tureera.”

Itti dabaluunis “darbee darbeemmoo akkasumatti warra imalaa jiru keessaa nama fuudhanii birrii miliyoonaan itti gaafatu. Kun waan irra deddeebidhaan mudatu,” jedhan.

Akka jiraataan kuni jedhanitti, iddoowwan gaara Diichoo, kan Hangar Guutee [Guttinii] fi mandara 10 gidduutti argamtuu fi Warabboo jedhamtu bakka yakki kun irra deddeebiin raawwatamudha.

Jiraataan aanaa Giddaa Ayyaanaa, Biraan BBC dubbise aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessatti jiraattota irraa meeshaan waraanaa dura qabu qaamolee mootummaa fi hidhattoota WBOtin irraa fudhatamee dhumuun hidhattoota Faannootiif qaawwa gaarii uumeera yaada jedhu qabu.

“Uummanni meeshaa miti amma eeboo gaariilleen manaa hin qabu. Jarri kunimmoo hidhatanii waan jiraniif raayyaa ittisaas, warra bosonaas ni rukutu. Yaanni isaanii amma lafa uummata irraa buqqisanii qubsuma jijjiirudha,” jedhu.

 

FinxaaleyyiiCaasaa mootummaakeessaa nama qabu kan jedhan jiraattonni namni maatiin isaa jalaa uggurame akkas jedhe BBCtti hime. “Kankoo Obboleessi butamee jennaan warra mootummaa godina jiranitti iyyanne. Bilbilanii ‘nuti achii nama qabna, abalu bira maal hojii dhaqxe’ naan jedhan” jedhu jiraataan BBCn dubbise kun.

Imalaan duratti Buufata konkolaataa Naqamtee jirurraa odeeffannoon konkolaataa garas deemaa jiruu fi namoota achi keessa jiranii caasaa Faannoo kanaaf odeeffannoon dursee erga gahee jarri karaatti eeguus jedhu namni kun.

“Manahaaraadhaa [buufata konkolaataa] gaafa konkolaataan ka’u nama birrii gaarii irraa arganna jedhanii yaadan yookan nama siyaasa isaaniitiif barbaadan yoo jiraate odeeffannoon dursee isaan qaqqaba. Sana booda karaarra makiinaa dhaabanii fudhatu” jedhan.

Waan gaafa obboleessi isaanii butame irra gahe kaasuunis ibsu.

 

“Gaafa Obboleessikoo qabamu sana namoota waliin konkolaataa keessaa buusan keessaa kaan ‘nuti Amaara’ jedhanii gadhiifaman. Obboleessakoo fi nama lama kan biraammoo qabanii caakkaa geessan” jedhu.

Obboleessa isaanii kana gadhiisisuuf Birrii kuma 700 akka kanfalan kan himan jiraataan kun, namoonni lamaan obboleessa isaa waliin turan maallaqas kanfalanii ofiisaaniis hin gadhiifamin hafan jedhan.

Namootni hidhattootaan butaman maallaqni ittigaafatame erga kanfalameen booda kanneen gadhiifamuu caalaa ajjeefamanis jiru. Kunis sababa qaba jedhu jiraataan kuni.

“Warri amma Faannoo jedhee hidhatee nama ajjeesaa fi saamaa jiru kun warruma asitti guddate. Yeroo tokko tokko namni isaan butanii fuudhan nama isaan beeku yoo ta’e maallaqni kanfalamus ni ajjeesu malee hin gadhiisan. Sababnisaas iccitii baasee nusaaxila jedhanii yaadu” jedhan.

Saamicha naannoo Giddaatti imaltootaa fi jiraattota irratti raawwatamu kana haala kutaalee Oromiyaa kan biraatti raawwatamurraa adda kan godhu maallaqni hidhattoonni Faannoo gaafatan kan kanfalamu Herreega Baankiitiin ta’uudha.

“Maallaqa hanganaa Akkaawuntii kanarratti galchi jedhaniituma nutti ergan. Akkaawunticha ilaalleerra. Maqaas suuraas waan hunda qaba. Kan nuti irratti galchine sun amma kan baname Bahardaaritti jedha. Isuma irratti kuma 700 galchinee Obboleessa keenya gadhiisan,” jedhu jiraataan aanaa Giddaa kun.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *