“Warri kaabaa deebi’anii akka biyya kana qabatan ABOn hin eeyyamu duras ni dhaabbanna “.Jaal Abdii Raggaasaa
ABOn filannoo marsaa 7ffaa dhufuuf waan isa irraa eegamu karaa isaa xumurachaa jiraachuu fi gama Boordii filannoo biyyoolessaanis wantoota guutamuu qabu akka guutamuuf wal hubannoon hojjetamaa jiraachuu MSHG-GS ABO Jaal Abdii Raggaasaa himan.
Marii Miseensota ABO waliin waajjira muummiicha Guullalleetti gaggeeffameen dirqama miseensa tokko irraa eegamuu fi hojiilee gara fuulduraatti Miseensi dhaabaa hojjechuu qabuu fi haala ABOn keessa jiru irratti hirmaattotaaf ibsi gahaan kennameera.
Miseensi dhaaba Siyaasaa tokko dirqama isatti kennameen alatti bakka imaluu fi hojjetutti Miseensota haaraa ijaaruu fi jajjabeessuun dirqama miseensa ABO hundaa tahuu kan akeekan hogganni ABO Jaal Abdii Raggaasaa kanaafis murannoo fi kutannoo qabaachuu qabna malee barraaguu hin qabnu jedhan.
Muuxannoo ijaarsa keessatti nama mudatuun Yeroo nama ijaarru namootni amala hedduu qabu waan taheef akka amala isaatti nama tokkee irraa hanga gurmuutti ykn gamtaatti ijaaruun Qabsoo ABO keessatti dirqama fudhatanii warra Bu’aa buusan ni jiru waan taheef akka amalaa fi hojii isaatti ijaaramuu qaba jechuun miseensotaan jabeessanii hubachiisan.
Jaarmiyaan yoo hin ijaaramne guddachuu waan hin dandeenyeef namuu erga waadaa galee eegalee namni tokko yoo xiqqaate nama 10 ijaaree caasaa qabaachuu qabaachuu qaba jedhan.
Haala qabatamaa amma impaayera Itiyoophiyaa keessa jiruun lolli yoo dhalates Warri kaabaa deebi’anii akka biyya kana qabatan akka ABOtti hin eeyyamnu duras ni dhaabbanna jechuun ejjennoo ABOn qabu miseensotaaf himaniiru.
Akka dhaabaatti ABOn haala gaarii irra jirra kan jedhan hogganni kun jiraachuu keenya gara hojiitti jijjiiruun dirqama nurraa eegamu bahachuu qabnas jedhan.
Dirqamni kamuu yoo nutti kennamee hojii qabsoo seeraan bahachuu dandahuu qabna malee dirqama ofitti fudhannee yoo nuyi hin dalagne eenyu illee nuuf dalaguu hin dandahu jechuun irra deddeebiin ijaaramuu qabna Saba ijaarametu Tokkummaan Falmata waliinis dhaabbata jedhaniiru.
Namootni ergama fudhattaniis tahe ABO basaasuuf hojii idilee godhatanii jirtan yoo jiraatan yeroo ABO mootummaatti basaastan Waanuma dhaabni keenya dubbatu ykn hojjetu waan dhageessan qulqullummaan gabaasaa nuyi qabsoo karaa nagaatti jirra waan taheef waan Mootummaa dhoksinee hojjennu hin qabnu osoo nagaatti hin amannu tahe asii waan hojjennu hin qabnu ABOn Qabsoo karaa nagaatti jira ejjennoon isaas kanuma jedhan.
Qabsoo keessatti hunda dura Ummataaf dursa kennuudha kan jedhan Jaal Abdii Raggaasaa dantaa dhuunfaarra dantaa Ummataaf hojjechuun warra quuqama qaban bakka hundayyuu jiran Naamusaa fi sansakkaa hojii ykn waajjira hojjetaniif jecha nam tokkeen ijaaramanii dirqama fudhatanii warra hojjetan illee Nageenya isaanii fi icciitii isaanii tiksuudhas jedhan.
Miseensotni Irbuu seenanii bakka lama ykn sadii hojjetu yoomillee imalli isaa gabaabaadha kan jedhan Jaal Abdii Raggaasaa Irbuun nama nyaatti waan taheef kakattanii bakka lama ykn sadii hin dhaabbatiinaa Waanuma itti kakattan sanaaf dalagaa jedhan.
Namootni akkasii yeroo baay’ee ofumaa nyaatamu waan taheef of ilaalaa maal hojjechaan jira jedhaatii nam-tokkee hanga gamtaatti of gaafadhaa jechuun yaada isaanii goolabaniiru.
Hirmaattotnis yaada kennaniin Saba dammaqetu ijaarama kan ijaarametu tokkooma;kan tokkoometu falmata waan taheef ijaaramuun waan fardii tahuu hubannee walitti haa dhufnu jedhaniiru.
Hirmaattotnis sodaa qaban irraa lolli kaabaa amma jiru kun ijaaramanii yoo jabaatee dhufe lolli sun xumurri isaa Oromiyaa irratti goolabuuf taasifama waan taheef ABOn kanaaf qophiin isaa maal jedhanii kan gaafataniif jaal Abdiin yeroo yaada kennan Warri kaabaa aangoo isaanii duriitti deebi’uuf tattaafataa jiru mootummaa Ertrea dabalatanii isa kanaaf ammatti mootummoota dhihaatu duuba jira moo hin jiru isa jedhu beekuun barbaachisa.
Mootummoota dhihaatu duuba jira yoo tahe Lola kanaan isa tokko Aangoo irraa kaasanii isa tokko aangootti fiduun faayidaa barbaadan guuttachuuf waan taheef xiinxala gadi fagoo barbaada garuu hanga ammaatti mootummootni Dhihaa Tigraayinis tahe Amaara aangomsuuf fedhii waan qaban nutti hin fakkaatu kan jedhan hogganni ABO kun warruma kaabaatu gargaarsa Waloo tolfachuun Aangoo Mootummaa qabachuuf Lola taasisaa jiran waan taheef akka dhaabaatti ABOn Gaafa isaan Oromiyaatti seenuuf yaalan teenyee hin ilaalu ykn itti hin dhiisnu jechuun hirmaattoota irraa gaaffii dhiyaateef yaada itti kennaniiru.
Fedhii mootummoota Dhihaa malee Afrikaa keessatti kan humnoomee mootummaatti bahu hin jiru ykn Aangoo qabachuunis hin yaalamu qawween yaada jedhus akeekaniiru.
