Wallaggaa lixaa Aanaa Ayiras Gullisoo Ganda #Maaruu jedhamutti waraanni Mootummaa Torban tokko keessatti namoota 11 manaa baasee rashane🥲🥲
Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Maaruu jedhamutti torbee darbe ijoollee 6 bakka tokkotti waraanni Mootummaa manaa baasee bakka tokkotti rashane. Haaluma wal fakkaatuun guyyaa kaleessaa mudde 5/2018 maatii tokko keessaa namoota 3 Manguddoon umurii 60 olii kan keessatti argaman dabalatee namoota 5 manaa fuudhanii rashanan.
Dargaggootni Torbee darbe ajjeefaman kunniinis:
1) Boonaa Imaanee
2) Magarsaa Abdii
3) Obsii Karrasaa
4) Daawwit Darajjee
5) Damee Sanbataa fi
6) Firoomsaa Malkaamuu kanneen jedhamanii dha.
Guyyaa kaleessaa immo namoota umuriin isaani 60 ol ta’e lamaaf dargaggoo tokko bakka tokkotti
1.Obbo Bulchaa Raggaasaa
2.Obbo Fiqiruu Yandeessaa
3.Dar.Masgabuu Abshaale
4, Obbo Hambaa Raggaasaa
kan maqaan isaani hin beekamin ammaf jiraf du’aan isaanii hin beekamin jiru.