Pirojektii Dirree Xiyyaaraa Aabbuu Seeraa Ilaalchisee Ibsa Ijjannoo Koongireesii Federalawaa Oromoo Irraa Kenname
=======
“Misoomni Ulfina Namummaa Mulqu, Misooma Osoo Hin Taane Saamichadha!!”
*****
Koongireesiin Federaalawaa Oromoo (KFOn) dhimma ijaarsa “Pirojektii Dirree Xiyyaaraa Guddicha” (Mega Airport Project) godina Shawaa Bahaa, Aanaa Aabbuu Seeraa keessatti ijaaramuuf karoorfame ilaalchisee yaaddoo wabummaa malee buqqifamuu uummata keenyaa dhageessisuuf ibsa kana baaseera.
KFOn waggoottan sadan darban keessa hundeeffama Magaalaa Shaggarii fi misooma koriidarii Finfinnee sababeeffachuun dambaliin buqqaatii seeraan alaa raawwatamaa ture walirraa hin cinne ta’uu isaa akeekkachiisaa turuun ni yaadatama. Haalli Aabbuu Seeraa keessatti uumame kun garuu tarkaanfii badii isa hamaa fi sadarkaa yaaddessaa irra gaheedha. Mootummaan waamicha nuti kanaan dura ‘buqqaatiin haa dhaabbatu’ jechuun goone gurra cufachuu isaatiin, har’a dhimma hawaasa Aabbuu kanaaf akeekkachiisa diimaa addaa akka kenninuuf dirqamneerra.
KFOn barbaachisummaa bu’uuraalee misoomaa guddina dinagdee biyyaa fi naannoo keenyaatiif qabu ni amana; haa ta’u malee, misoomni hundaaf hirmaachisaa hin taanee fi wabii ga’aa malee maqaa bu’uralee misoomaan lammiilee buqqisuu bu’urumarraa sirri miti. Akkaataa Pirojektii Dirree Xiyyaaraa Guddicha” (Mega Airport Project) itti raawwatamuuf deemu, kan hawaasa nagaa qe’ee dhalootaa abbootii akakolii isaanii irraa dhabamsiisuuf akeeke, cimsinee ni mormina.
KFOn Iyyannoo hatattamaa hawaasa Aabbuu caqaseera, harka guutuunis fudhanneerra. Iyyaafi bo’ichaa hawaasa Aabbuu dhageenyee rakkoo isaanii ni calaqqifna. Qonnaan bultoota abbootii warraa 3,000 ol ta’anii fi ummata 15,000 ol gandoota Aabbuu Aciroo, Aabbuu Garbii, Aabbuu Kombolchaa, Aabbuu Looyyaa, Aabbuu Lugnaa fi Aabbuu Saarkamaa irraa buqqa’uuf jiraniif sagalee ta’uun cinaa ni dhaabbanna.
1. Cabiinsa Heeraafi Mirga Lammiilee
Qonnaan bulaa Oromoo hayyamaa fi marii gahaa malee (Free, Prior, and Informed Consent), qe’ee isaa irraa buqqisuun Heera Mootummaa RFDI kwt 40, kan mirga qonnaan bulaan lafa argachuu fi lafarraa buqqa’uu dhabuu qabu kan sarbuudha. Akkaataan “gubbaraa-gad” (top-down) ummanni itti ajajamuu fi yeroo gabaabaa keessatti qe’ee isaarraa akka ba’u taasisuun seeraan alaa fi safuu kan cabseedha.
2. Seenaa Madaa’aa Buqqaatii Oromoo
KFOn seenaan gaddisiisaan kanaan dura naannoo Boolee, Qooqaa fi Wonjiitti uummata keenya irra ga’e ammas Aabbuu Seeraa irratti akka irra hin deebine ni yaadachiifna. Yeroo sanatti, hawaasni Oromoo qe’ee isaa irraa buqqa’e bittinnaa’ee, aadaa fi jireenya isaa dhabeera. Misooma maqaa “sadarkaa Addunyaa” jedhuun dhaloota naannoo misoomni sun itti hojjatamuu dhabamsiisuun balleessuun fudhatama hin qabu. Misoomni hojjatamu kamuu hirmaachisaa fi guddina waloof wabii ta’uu qaba malee lammilee qe’ee dhalootaaf guddina isaaniirraa haala mariif walii galtee ga’aa tokko malee buqqisuun dhabamsiisuun seeraa biyyatinis, ta’e seenaanis fudhatama hin qabu.
3. Haqa Dinagdee fi Abbummaa (Stakeholding)
Lafni qonnaan bulaaf bu’uura wabii jiruu isaati malee meeshaa gurgurtaa miti. Beenyaan maallaqaa yeroo gabaabaa booda dhumu, dhaloota itti fufu hiyyummaaf saaxila. Magaalaan Xiyyaaraa (Airport City) ijaaramuuf deemu kun qonnaan bulaa qe’ee sanaa kan hirmaachisu ta’uu qaba. Kanaafuu, KFOn beenyaa maallaqaa qofa osoo hin taane, hawaasni lafa isaa dhabu “Abbaa Aksiyoonaa” (Shareholder) ta’ee bu’aa pirojektii sana irraa bara baraan argatu akka ta’u ni falma.
Waamichaafi Ejjennoo Keenya
Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Daandii Qilleensa Itoophiyaatiif waamicha armaan gadii dhiyeessina:
Buqqaatiin Hatattamaan Haa dhaabbatu: Qorannoon dhiibbaa hawaasummaa fi naannoo (Social and Environmental Impact Assessment) qaama walabaan gaggeeffamee hamma ifa ta’utti, doorsisni fi buqqaatiin hawaasa Aabbuu irra ga’u hatattamaan akka dhaabbatu.
Marii Qaama Seera Qabeessa Waliin: Qaamni hawaasa naannoo Aabbuutiin bakka buufame, jaarmiyaalee hawaasaa fi ogeeyyiin seeraa bakka jiranitti mariin iftoomina qabu akka taasifamu.
Hawwasa Aabbuutiif Abbummaa Malee Buqqaatiin hin Malu : Hawaasni Aabbuu bu’aa pirojektii “Airport City” jedhamu kana irraa qooda aksiyoonaa (equity) akka qabaatuu fi lafni isaanii kaappitaala ta’ee akka shallagamu ta’uu qabu gafanna.
Eegumsa Aadaa: Aadaan, Afaanii fi duudhaan hawaasa naannichaa dhiibbaa magaaleeffamaa kanaan akka hin liqimfamne wabii seeraa cimaan akka kaa’amu ni gaafanna.
Dhaabbilee Faayinaansii Addunyaa: Baankiin Misooma Afrikaa (AfDB) fi qaamoleen faayinaansii dhiyeessan, pirojektiin kun ulaagaalee mirga namoomaa idil-addunyaa kan guute ta’uu isaa mirkaneessuu akka qaban gaafanna.
Xumura
KFOn diina misoomaa miti; garuu diina saamichaa fi diina buqqaatiiti. Pirojektiin “Boona Afriikaa” jedhamee faarfamu, imimmaan, salphinaafii dhabamuu qonnaan bulaa Oromoo irratti ijaaramuu hin qabu. Uummanni Oromoo, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni idil-addunyaa sagalee uummata Aabbuutiif akka birmatan waamicha goona.
Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO)
Amajjii 3, 2018
Finfinnee, Oromiyaa, Itoophiyaa