๐๐ฎ๐ซ๐ง๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ซ๐๐๐ง ๐
๐ข๐ฑ๐ข๐ง๐ฌ๐ข ๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐๐๐ฆ๐ข๐๐ก๐ ๐๐จ๐๐ก๐๐ง ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐๐๐ญ๐๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ก๐.
Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 26,2022
Waamicha lolaa itti fufuu fi fixiinsa lammiileef maqaa โ qurxummii balโeessuuf galaana gogsuuโ jedhuun qondaalli PP Obbo Fiqaaduu Tasammaa godhe, Waxabajjii 28/2022 โMaqaa humna riphee lolaa waloon dhabamsiisuuโ jedhuun piresidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Piresidaantiin naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Kaffaalee karaa sabaa himaaleen gadi bahuun waamicha duguggaa sanyii labsan. Kunis qindeessummaa mootummaa Partii Biltsiginnaan lubbuun lammiilee nagaa kumootaan darbee, qeโee fi qabeenyi mancaa’ee, kuma dhibbootaan kan lakkaawaman qeโee ofii irraa buqqaafamanii jiru.
Hawwii barootaaf ummata Oromoo cabsuu fi mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo xiqqeessuu jedhu tarsiimoo godhatanii kanneen sochaโan waamicha duguuggaa sanyii lammiilee Oromiyaa irratti raawwataniif, qaama duguuggaa kana rawwataa jiru waliin itti gaafatamummaa fudhatuu qabu.
Gola mootummaa abbaa irree PP maadheffatuun, aangoo waahilummaa PP kan argate, fedhii ummata Oromoo dura dhaabbatuuf barootaaf kan hojjetaa ture, โqabsoo Oromootu na sodaachisnaanan Qabsoo seeneโ kan jedhu hogganni jaarmiyaa siyaasaa EZEMA Prof. Birhaanu Naggaa fi hordoftootni isaa waamicha duguuggaa sanyii maqaa โshanee balโeessuuโ jedhuun, lammiilee Oromiyaa irratti karaa sabaa himaalee fi waltajjii ummataa adda addaa irratti godhaa jiraachuun ifatti mulโata. Hogganni maqaa jaarmayaa siyaasaan sossohuu fi Oromoo diinomsatuun faallaa Oromoo hojjetu kun gocha isaa kana irraa akka dhabbatu gaafanna.
Armaan dura yaaddoo qabsoo fi qabsaawaa Oromoo irraa qabu karaa barruu adda addaa waggootaaf barreessaa fi maqa-balโeessii adda addaa rawwaata turuun ni yaadatamaa.
Aangoo harโa argatan kanaaf karra kan bane qabsoo Oromoo taโuun dagatamuu hin qabu. Ummatni Oromoo fedhii fi hawwii isaa kan taโe Bilisummaa fi Walabummaa biyya isaa argachuuf barootaaf qabsootti jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi waliigalatti ummatni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti dhiiga isaa dhangalaasee mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF karaa irraa maqsus, injifannoon Qeerroo waan butameef, Qeerroonis ummatni Oromoos qabsoo bilisummaa itti fufan.
Ummatni Oromoo qabsoo isaa itti fufuun hiree ummatoota kaanii ukkaamsuuf akka hin taane qabsoo isaa waggaata dheeraan mirkaneessee jira lafa irratti. Kaleessas harโas fedhii hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabuu fi walabummaa isaa mirkaneessuuf qabsoo itti fufe malee, akka jalโootni itti qabsoo bilisummaa Oromoo ibsaa jiran akka hin taane Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun hubachisa.
Dhuma irratti mootummaa Biltsiginnaas taโe, jaarmiyaan namoota dhuunfaan duguuggaa sanyii Oromiyaa keessatti rawwatamaa jiruuf waamicha dabalataa godhan akka seeraa biyya fi idil-aduunyaatti dhumaatii waggoota darban kana rawwatamee fi raawwatamaa jiruuf itti gaafatamummaa akka qaban Addi Bilisummaa Oromoo, ABOn ni hubachiisa. Ummatni Oromoo jibbiinsaa fi lola kanneen babalโisan kana of irraa ittisuuf gurmuu isaa akka jabeeffatee qabsoo bilisummaa fi demokraasiif godhu irratti akka fuulleffatu hubachiifna.
Addi Bilisummaa Oromoo, yeroo adda addaa akkuma irra deddeebiโee waamicha godhaa ture, ajjeechaa, lola babalโisuu fi nagaaf gufuu tahuu deemaa jiru dhaabsisuuf, lammiileen hundi qooda isaanii akka baโatan ammas irra deebinee waamicha gochaa, rakkoo siyaasaa impaayara Itoophiyaaf marii siyaasaa hunda galeessaaf hundi hojjachuu qaba jenna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 26/2022
Finfinnee, Oromiyaa
๐๐ฎ๐ซ๐ง๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ซ๐๐๐ง ๐ ๐ข๐ฑ๐ข๐ง๐ฌ๐ข ๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐๐๐ฆ๐ข๐๐ก๐ ๐๐จ๐๐ก๐๐ง ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐๐๐ญ๐๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ก๐.
