Sibuu Sireetti waraanni Bilxiginnaa fi Finxaaleyyiin Amaaraa wal ta’uun namoota nagaa 8 ajjeesan

Sibuu Sireetti waraanni Bilxiginnaa fi Finxaaleyyiin Amaaraa wal ta’uun namoota nagaa 8 ajjeesan

SQ-Bitootessa 8/2022!
Gocha duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa kan jiran waraanni Bilxiginnaa fi Faannoon Amaaraa kaleessa bitootessa 7/2022 Godina wallagga Bahaa aanaa sibuu siree Ganda Dichoo Abbaa Garmaamaafi Ganda Hagaloo Tuulam keessatti uummata nagaa irratti dhukaasa banuun namoota 8 ajeesuun mana namoota hedduu gubuu maddeen Gadaa Media Network nuuf himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti maqaan namoota ajjeefamanii ammaaf adda ba’uu baatus garuu namoonni ajjeefaman kun badii qabaatanii osoo hin taane maqaa shanee gargaartu jedhu itti maxxansuun gocha suukanneessaa kana irratti raawwatan jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaafi faannoon Amaaraa gocha gara jabeenyaa uummata oromoo irratti raawwachuu jabeessanii itti fufaniiru.

Maddii GMN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *