Finfinneetti maqaa Amantiin lafa Qonnaan bulaa saamaa jiru

Lafti qonnaan bultoota Oromoo magaalaa Finfinnee har’allee qaamota wal ijaaraniin saamamaa jiraachuu kanneen lafti isaanii jalaa saamame yeroo namoota amantii dahoo godhachuun saamaa jiran dhaabsisuuf yaalan mul’atu kunooti.

Obbo Tsaggaayee Dhaabaa Jiloo jiraataa magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Kolfee Qoraaniyoo yoo ta’an, lafa bal’aa akaakayyuu fi abbaa isaanii irraa dhaalan kan qaban yoo tahu Lafa kana keessaa kaaremeetira kuma 42 beenyaa tokko malee kosiin magaalaa Finfinnee irratti gatamuu isaa fi kaaremeetira kuma 32 ammoo  Waldaan Hiwoot Barri jedhamu humnaan kan fudhate yoo tahu Kan hafe immoo namoota walgurmeessanii naannoo Amaaraatii dhufuun qabata amantaatiin saamicha lafaa adeemsisanii humnaan irraa fudhatamaa jiraachuu himatu.

IMG_3482

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *