Waggoota Shanan darban ajjeechaan jumulaan ummata irratti Itiyoophiyaa keessatti raawwatamuu KMNI ibse

Mootummaan shakkamtoota irra deddeebin hidhuurra furmaata waaraa barbaaduun fala gaaridha jechuun  KMNI ibse.

Komishinin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibsa har’a baaseen Naannolee Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti waggoota darban keessati sarbama mirga namoomaa lammiilee irratti raawwate ilaalachisee gabaasa qorannoo waggaa shaniif hojjadhe jedhe ifa godheera.

Komishinichi qorannoo gaggeesse jechuun ifa godhe kanaan, Bitootessa 2010 hanga Bitootessa 2015 ALItti waggoota shaniif gaggeessuusaafi naannolee afur irratti xiyyeeffachuun sarbama mirgoota namoomaa bifa garaa garaan raawwatame tarreessera.

Naanoleen afran qorannoon waggoota shaniif irratti gaggeeffame jedhame kunneen: Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Somaaleefi kan duraan Naaannoo Saboota Sab-lammoota Uummattoota Kibbaa jedhamuun beekamu keessattidha.

Komishiniin Mirgoota Namoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan bara 2010 kaasee hanga 2015 ALItti waggoota shaniif Qorannoo Biyyaaleessaa (National Inquiry) afur kan qaamoleen hawaasaa garaa garaa irratti argaman qopheesserratti hundaa’un bu’aa qorannoo kana ifa gochuu beeksise.

Qorannoo Biyyaalessaa naannolee Afur keessatti gaggeeffame kanaan namoonni miidhaan irra gahe waan isaan mudateefi eenyu miidhaa ykn sarbama mirga namoomaa akka raawwate, ogeeyyii komishinicha bakka bu’uun naannolee qorannoon itti gaggeeffame imalanitti iyyataa akka turan jedhe ibsi bahe kun.

“Miidhamtoota, namoota ragaa bahan, qondaaltota mootummaa, beektota, jaarrolee biyyaa, abbootii amantii, bakka bu’oota waldaalee siviliifi kanneen dhimmi ilaallatu keessaa namoonni 365 filamanii Qorannoo Biyyaalessaa arfanuu irratti hirmaataniiru.

Naannolee arfan qorannoon kun keessatti gaggeeffametti addumatti ajaja mana murtii malee namoota hidhuu, mana murtiitti osoo hin dhiyeessin tursiisufi dirqamanii jecha akka kennan reebichiifi miidhaa garaa garaa irraan gahuu ragaa qorannoosaan bira gahuu beeksise komishinichi.

Dabalataanis namoonni erga to’atamanii booda mana hidhaa idilee kan hin taanetti hidhamuu, mirga wabii manni murtii kenne dhorkuu, haleellaa saal-qunnamtii fa’aa irratti raawwachuu ibse.

“Namoota mirgi isaanii sarbame irratti karaa qindaa’aafi irra deddeebin sarbamni mirga namoomaa raawwatan: bakka idilee hin taanetti hidhuu, ajaja mana murtii malee to’achuu, mirga wabii manni murtii kenne cabsuu dabalatee akkuma barbaadan nama hidhuu, haleellaa saal-qunnamtii irratti raawwachuufi manneen hidhaa bu’uuraalen waldhaansa fayyaa hin guutamneef keessatti hidhuu,” akka ta’e ibse komishinichi.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa irra deddeebin ibsa baasaa tureenis Kanaaf ragaan qondaalonni Adda Bilisummaa Oromoo kanneen akka Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa fa’aa manni murtii si’a heddu bilisa jedhee himata isaanirratti dhiyaate kufaa godhus, hanga ammaa mana hidhaatii hin bahin jiru.

“Sarbamoota kana raawwachuu keessatti milishoonni, gaggeessitoonni gandaa, poolisoota idileefi humna addaa, raayyaan ittisaa, akkasumas poolisoonni mana amala sirreessaa hirmaannaa qabaachuusaanii waltajjii uummataarratti wantoota ka’an keessayi,” jedha gabaasichi.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa naannolee arfan qorannoo irratti gaggeesse keessaa tokko kan ta’e Oromiyaatti, godiinalee heddutti qorannoo gaggeessufi namoonni qorannicharatti hirmaachun komiisaanii dhiyeessan hundisaanii yeroo hidhaman ajaja mana murtii malee hidhamuu, dararamuufi irra deddeebin hidhamuusaanii ifa godhe.

Akka gabaasa komishinichaa kanarraa hubachuun danda’amutti, kanneen qaamolee nageenyafi qondaalota mootummaan sarbamni irratti gaggeeffame harki guddaan Waraana Bilisumma Oromoo (WBO) wajjin hidhata qabdu kan jedhuuni.

Oromiyaa keessatti waggoota shanan darban keessatti lola humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana BIlisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamuun wal-qabatee, humnoonni mootummaa kanneen ijoollensaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’an; “ijoollee keessan bosonaa galchaa” jechuun hidhuun, mana isaanii gubuufi dararaan garagaraa akka irra gahu namoota miidhaan irra gahe dubbisuun BBCn gabaasaa ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas gabaasa waggaa shanii baase kanaan maatiifi firoota miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn kan isaanitti shakkamaniirra dararaan garaa garaa irra gahaa turuu ibseera.

Naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee arfan kana keessatti sarbamoonni mirga namoomaa kanneen akka hiraarsuu, jumlaan hidhuu, ajaja mana murtii malee mana hidhaa tursiisuu, haleellaa saal-qunnamtii, miseensota nama shakkamee hidhuu, fi kan biroos raawwatan jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Mootummaan kanneen sarbama mirga namoomaa raawwatan seeratti akka dhiyeessu, warra miidhaan irra gaheef haqisaanii akka barbaadamu, ajaji mana murtii akka kabajamu kan jedhan yaadota furmaataa komishinichi dhiyeesse keessayi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *