Matakkalitti barattoonni Oromoo 18 liyyuu hayilii Amaaraatiin ukkaamfaman.
(SQ-Bitootessa 17, 2022)
Godina Matakkal aanaa Dibaaxii, magaalaa Gaalessaa irraa ka’uun gara magaalaa Barbar konkolaataadhaan imalaa jiranii bakka Bishaan Adii jedhamutti liyyuu hayiliin Amaaraa konkolaataa keessaa sakatta’anii kanneen Oromoo tahan qofa adda baasuun barattoota 18 ukkaamsuun butanii deeman.
Ammaaf maqaan barattoota ukkaamfamanii kan beekame:-
1. Jabeessaa Tashoomaa Nuqus
2. Ayyaantuu Gammachuu
3. Geexee Kabbadaa
4. Amaaree Wasan
5. Taarriqanyi
6. Koltee Fayyisaa (konkolaachisaa konkolaataa barattootni keessaa qabamaniiti)
Abbaan Jabeessaa, Tashoomaa Nuqus Dheeressaa bara dabre waraana pp tiin Gaalessa keessatti haala suukanneessaatiin ajjeefamuun ni yaadatama.
Amma ilma isaa ukkaamsan.