Waraanni Bilxginnaa Haadha Jaal Lammii Beenyaa to’ataan

(SQ-Bitootessa 18,2022)

Dararaan daangaa hin qabne maatii Jaal Lammii Beenyaa irratti raawwatame hammaataa ta’uu maatiin beeksiseera.

Bitootessa 17,2022 hidhattootni mootummaa PP qe’ee maatii Jaal Lammii Beenyaa dhaquun haadha isaa erga to’aana jala oolchanii booda, qe’ee isaaniitti ibidda qabsiisuun gubuu maatiin beeksisaniiru. Haala haati Lammii keessa jiran kan beeku hin jiru.

Obboleettiin Lammii Beenyaa dubree Saaraa Beenyaa mana barumsaa irraa
qabamtee hanga har’aatti hidhaa keessatti rakkachaa akka jirtus gabaasameera.

Jaal Lammii Beenyaa erga hidhamee waggaa lamaaf deemaa jira. Yeroo dheeraa kana keessatti manneen hidhaa adda addaa keessatti gidirsamaa jira. Har’a mana hidhaa Buraayyuu keessatti argama.

Roorroon maatii Jaal Lammii Beenyaa irra ga’aa jiru haalaan nama gaddisiisa. Kun miidhaa qofa osoo hin taane, maatii kana diiganii bal’eessuuf kan kaayyeffatame fakkaata.

Haadha guddummaa umriidhaanuu kabajaa argachuu malan qabuun, qe’ee waldhaansoo jireenyaa yeroo dheeraan ijaarame gubuun yakka.

Walumaagalatti gochi raawwatame madaala kamiinuu, karaa fedheenuu fudhatama hin qabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *