Dhaddachi guyyaa har’aatti kan beellamameef ajaja abbaan seeraa kennee tureen abbaan alangaa himata isaa fooyyeesse akka dhiyaatuuf bultii 14n duraa jechuun Caamsaa 25, 2014 beellamuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee, abbaan alangaa himata isaa osoo hin fooyyessin dhiyaatee tutre.
Haaluma kanaan, manni murtii waliigalaa Oromiyaa abbaan alangaa guyyaa har’aatti himata isaa fooyyeffachuun dhiyeessuu yoo dhabe himatamtootni kun, jechuun koreen Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessa Oromiyaa(MCBNO) hundeessun himataman, abbaan alangaa dirqama isaa bahachaa hin jiru waan ta’eef maamiltootni kiyya bilisaan akka geggeeffaman jechuun abukaatoon isaanii kan gaafatan irratti hundaa’un murtii kennuuf galmee bulche. Kuni ta’ee osoo jiruu ammas manni murtii kaka’umsa mataa isaaf aangoo isaatti fayyadamuun mirga himatamootaa gamatti dhiisuun yeroo dhumaaf jechuun Abbaan alangaa himata isaa ammas akka fooyyessuun dhiyeeffatuuf beellaama har’aa jechuunis Waxabajjii 23, 2022tti qabe.
Oolmaa dhaddachaa har’aatin ammo namootni 17n koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessa Oromiyaa(MCBNO) hundeessun himataman kunneen, beellama yeroo dabreetin loogdummaa abbaan seeraa agarsiiseen bakka abbaa alangaa of buusee akka himatni irratti dhiyaatuuf dhiibbaa taasisuu isaarraa kan ka’e, beellama har’aa irratti abbaan seeraa aangoo fi gaafatama isaa malee loogdummaa waan qabuuf akka nuuf jijjiiramee dhimmi keenya abbaa seeraa birootin nuuf ilaalamu jechuun beellama biro Waxabajjii 28, 2022(ALH 21/10/2014)tti qabamee jira.
Oolmaan har’aa kanaanis manni murtichaa beellamni dabalataa Waxabajjii 28, 2022tti akka qabamu ajajee jira.
Dhaddachi har’a Calcaliitti oolee, Koree mootummaa ce’umsaa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa 17 kan gaazexeessota ONN lamaan of keessatti qabate haala kanaan geggeessee jira.
Jaallan koreen Qindeessituu Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kunneen kan qaamolee adda addaa of keessa qabu:
1) Qaasim Abdullaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J/ Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Muhammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5) Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abdurrahiim
6) Muhammad Iisaa Yuusuuf
7) Toofiq Amaan Roobaa
8 Adnaan Yuusuuf Abdoo
9) Najaash Muhammad Amiin
10) Usmaan Aadam Ahmad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’el
13) Muhammad Ahmad Muhammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadir Sayid Jiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessonni ONN galmee kana jalatti himataman ammoo
1) Dassuu Duulaa fi
2) Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaati.