Koreen Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN Mana Murtiitti Dhiyaatan.

Koreen Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN Mana Murtiitti Dhiyaatan.

(SQ – Adoolessa 07,2022)

Miseensotni Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa galmee Obbo Qaasim Abdullaahii jalatti himatamanii jiran namootni 17 kan gaazzexeessitooti ONN lama keessatti argaman Adoolessa 07,2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Calcaliitti dhihaataniiru.

Dhaddacha har’a taa’e irratti falmiin duraa kan itti fufe yoo ta’u, himatni Abbaa Alangaan hidhamtoota kanneen irratti dhihaate yeroo 3ffaaf osoo hin sirreeffamin dhihaateera; tahus himaata yeroo darbee irratti deebin barreeffamaan itti kennamee jira.

Bu’uuruma kanaan Manni Murtii himatni Abbaa Alangaa fooyya’e jedhamuu fi deebii himatamtootaa, galmee qorachuuf gaafa Adoolessa 18,2022tti beellama biroo kennuu oduun arganne ifa godha.

Jaallan koreen Qindeessituu Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kunneen kan qaamolee adda addaa of keessa qabu:

1) Qaasim Abdullaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J/ Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Muhammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5) Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abdurrahiim
6) Muhammad Iisaa Yuusuuf
7) Toofiq Amaan Roobaa
8) Adnaan Yuusuuf Abdoo
9) Najaash Muhammad Amiin
10) Usmaan Aadam Ahmad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’el
13) Muhammad Ahmad Muhammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadir Sayid Jiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an, Gaazzexeessonni ONN galmee kana jalatti himataman ammoo:
Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu Abbaa Shoomaa ti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *