Walitti bu’iinsa ijaarsa hidha bishaaniirratti humnoota mootummaa Oromiyaa fi jiraattota Somaalii gidduutti uumameen lammileen nagaa3 yoo ajjeefaman, 12 madaa’uun beekame.
Amajji 21/2023
Akka jiraattonni naannoo Somaalii himanitti walitti bu’iinsi kun kan jalqabe Amajji 13 yeroo hojjattoonni mootummaa naannoo Oromiyaatiin ergaman ijaarsa hidha bishaanii kan ganda Marar jedhamu kan naannoo Somaalii Godina Fafaan Aanaa Tulluu Gulad keessatti argamutti ijaaruu eegaluu hordofee ta’uun beekamera.
Ijaarsi hidha bishaanii kanaa magaala guddittii naannoo Somaali Jijjigaarraa fageenya dhihootti ijaaramaa kan jiru kan himan jiraattonni, mootummaan naannoo Oromiyaa uummata naannoo sana qubate utuu hin mariisisin hidha kana ijaaruuf murteessuusaa komataniru.
Akkka Qondaali olaanaan Addis Standard’tti himanitti, ijaarsi hidhichaa hanga dhiibbaan inni jirattoota naannichaarratti fidu qoratamuutti akka dhaabbatu waliigalteerra kan gahamee ture yoo ta’u, mariin aanga’oota lamaanii jidduutti dhimmicha irratti osoo godhamaa jiru, ijaarsi kun haala ifa hin taaneen itti fufeera.Kana malees mootummaan Oromiyaa daangaa naannoo Somaalii dhiibaa jira jedhaniiru.
Gama biraan Mootummaa naannoo Somaaleetti hogganaa biiroo dhimma walittti bu’iinsa daangaa furu Komaandar Alii Saamiree Siigaas Kibxata darbe ibsa kennee turen, hoggantoonni naannoo Oromiyaa tokko tokko lafa babal’ifachuuf hojjachaa jiru jechuun yakkeera.
Mootummaa naannoo Somaalees ta’ee hawaasa nannichaa utuu hin mari’achiisin ganda Marar kan daangaa mootummaa naannoo Somaalee keessatti argamu keessatti hidha bishaanii ijaaruuf yaalii taasisaa jiru jedheera.Haata’u malee Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Somaalii ibsa boodarra baasee tureen Komaandar Aliin aangoorraa kaafamuu eeruun ibsi inni miidiyaaleef kennes, erga aangoorraa kaafamee booda ta’uu beeksiseera. Ibsi aanga’aan kun kenne “seeraan ala” kan jedhe biirichi ibsichi ejjennoo mootummaa naannoo Somaalii miti jedheera.
Aanga’oonni naannoo Oromiyaa ijaarsa hidhaa kanaa torban muraasa dura kan daawwatan ta’uu dubbachuun gochaan kunmjiraattota ganda Marar gidduutti jeequmsa kakaasuun walitti bu’iinsa kana cimseera jedhan jiraattoonni .