Shawaa Lixaafi Harargee Bahaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa lama ajjeesse.

Shawaa Lixaafi Harargee Bahaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa lama ajjeesse.

(SQ-Sadaasa 26,2022)

Godina Harargee bahaa aanaa Baddannoo araddaa Jirruu Balliitti kaadiroonni fi waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa manguddoo biyya kan ta’an Obbo Musxafaa Ayyuub deggersa dhaaba bilxiginnaa qarshii 30 kaffaluu didde jechuun qabanii hidhaan mana hidha keessatti erga dararaa turaniin booda Wiixata darbe Sadaasa 20,2022 halkan sa’a 6:00 irratti mana hidhaatii baasuun Obbo Musxafaa ajjeesanii gatu maddeen nuuf himan.

Obbo Musxafaan jaarsaa biyyaati kan jedhan maddeen keenya, mootummaan Bilxiginnaa mirga namoomaafi diimokiraasii isaanii sarbuun maaliif dhaaba PP deeggaruu didde jechuun lubbuu isaanii galafatan jedhu.

Akka seera biyyattiiti namnni tokko dhaaba barbaade deeggaruufi dhiisuun mirga yoo ta’u, Bilxiginnaan garuu seera ofii baaseen ittin biyyattii bulchaa jiru cabsuun lammiilee Oromiyaa ajjeessuufi hidhuu irratti argama.

Dhaabi waggaa sadii dura dhalate Bilxiginnaan Saba Oromoo biratti jiibamuun, uummanni waan dideef namoota isaa hin deeggarre ajjeessu eegale jiraachuu gochii Obbo Musxafaa Ayyuub irratti raawwate ragaa guddaadha.

Oduma walfakkaatun Sadaasa 22, 2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti Abbaa ijoollee lama kan ta’an Obbo Waaggaarii Firoomsaa mana isaniitii gadi baasuun qe’ee isaanii irratti ajjeesuu maddeen SQitti himan.

Akka maddeen nuuf himanitti Obbo Waaggaariin nama siyaasa kam keessaa qooda hin qabnee yoo ta’an hojii isaanii hojjechuun maatii isaanii bulchaa turan jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *