Tokkummaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa duguuggaan sanyii ummata Oromoo Walloo irratti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafate.

Tokkummaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa duguuggaan sanyii ummata Oromoo Walloo irratti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafate.

Guraandhala 2,2023

Gamtichi ummata Oromoo Walloo kan naannoo Amaaraa keessa jiraatu irratti haleellaa sabummaa irratti xiyyeefatetu adeemsifamaa jira jechuun, haleellaa kanaan guddoo yaadda’ee jiraa jedhe.

Haleellaa Humna Addaa Amaaraa, Faannoo fi Milishaan Amaaraa waliin ta’uun Oromoo Walloo irratti raawwataa jiran kan balaaleefatan ta’u dhaabbileen siiviilii Oromoo ibsa jiru.

Haleellaan kunis haleellaa sabummaa fi duguuggaa sanyii irratti xiyyeefateedha jechuun addunyaan kabaja mirga namoomaatif jecha waan naannoo Amaaraa keessatti Oromoota Walloo irratti raawwatamaa jiruuf xiyyeefannaa akka kennitu gaafatu irratti argamu.

Gamtaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa ibsa Gurraandhala 1 bara 2023 Roobii kaleessaa baaseen “duguuggaan sanyii ummata Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru haa dhabbatu” jedhe.

Ummata Oromoo Walloo kan naannoo Amaaraa keessa jiraatu irratti kan adeemsifamaa jiru haleellaa sabummaa irratti xiyyeefateedha kan jedhe Gamtichi, kanaan ammoo guddoo yadda’uu ibse.

Hawaasni idil-addunyaa fi namoonni bebbeekkamoon addunyaa dhumaatii ummata Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru irratti akka dubbataniif waamicha kan taasise Gamtaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa, humni nageenyaa naannoo Amaaraa fi Faannoon Amaaraa lola duguuggaa sanyii kan ajjeessuu fi barbadeessu irratti xiyyeefate adeemsisaa jiru jedhe.

Aktivistoonni naannoo Amaaraa duula Oromoo Walloo naannicha keessaa balleessuu kan adeemsisaa turan yoo ta’u, humni addaa Amaaraa Amajjii 15 bara 2023 naannawa magaalaa Jawaahatti dargaggoota 7 ajjeessuun dhumaati Oromoo Walloo irratti labse jechuun ibsee jira.

Haleellaan Humna Addaa fi Faannoon raawwatan kun gara gandootaa fi aanaalee ollaatti babal’achuun mancaatii qabeenyaa fi lubbuu namaa dhaqqabsiisee jira kan jedhe ibsi Gamtaa Hawaasa Oromoo Kanaadaa, daa’immani fi dubartoota ajjeessuu, manneen gubuu, Kuduraa fi muduraa ciruu akeeka ummata hiyyoomsuu fi buqqaasuuttu adeemsifame jedhe.

Dubartootaa fi daa’imman mana keessatti humnoota kanaan gubatan dabalatee Aanaa Jillee Dhummuggaatti namoonni 130 ol ajjeefamani jiru kan jedhu ibsi kun, ajjeechaan rawwatame kanaa ol ta’u akka danda’u eeree jira.

Humni Addaa fi Faannoon haleellaa jumlaan ajjeessuu ummata nagayaa irratti erga raawwatanii booda miidhamtoonni waldhaansa akka hin arganneef daandii cufani namoonni akka waldhaansa dhabani dhuman taasisee jira jedhe.

Mootummaan naannoo Amaaraa bu’uuraa tajaajila hawaasummaa keessa hospitaala tokko godinicha keessatti hin ijaarre jechuun buufataalee fayyaa xixiiqqoo godinicha keessa jiranitti akka hin fayyadamneef humnoonni kun daandii cufani ummata fixaa jiraachuu isaani ibse.

Ajjeechaan jumlaa fi waraanni waliinii waggoota afuriif Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru waraana sirna federaalizimii diiguuti, kanaaf ammoo humnoonni mootummaa naannoo Amaaraatiin leenjifamani bobbaafaman, ummata Oromoo Walloo, Qimaanti fi Agaw irratti xiyyeefachuun ajjeessu, qabeenya isaanii saamuu, manneen isaani fi bu’uraalee jireenyaa gubuun ummata hiyyoomsaa jiraachuu humnoota kanaa ibse.

Humnoonni Mootummaa Naannoo Amaaraa kunniin daangaa Naannoolee ollaa Amaaraa cee’uun Beenishaangul Gumuuz irraa Matakkal, Tigraay irra Walqaayit fudhachuuf qabsoo taasisaa turuu isaanii eeruun, amma ammoo naannoo Oromiyaa godinaalee akka Wallagga bahaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kaabaa irraan weerara banuun qabiyyee lafa Oromiyaa qabataa jiraachuu isaani eere.

Duulli sabummaa balleessuu Humna Addaa Amaaraa fi Milishaa Faannootiin Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru kun mootummaa federaalaatiin kan deeggaramu ta’uu Gamtaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa ibsee jira.

Gamtichi hawaasa Idil-addunyaatiif waamicha taasiseen, duula sabbummaa balleessuu Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiruuf xiyyeefannaa laadhaa jedhe.
Ummanni godina Addaa Oromoo Walloo fedhii fi gaafiin isaa dhagahamee bulchiinsa Oromiyaa jalatti akka deebi’uuf mootummaan Itoophiyaa fi hawaasni idil-addunyaa akka hojjachuu qaban gamtichi gaafatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *