”Qarshii miiliyoona ja’a”

”Qarshii miiliyoona ja’a” erga kanfalame booda Namoonni 280 ol osoo hojiif gara Hidha Abbayyaa deemanii Faannoon butaman gadhiifaman.

Namoonni osoo hojiif gara iddoo pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa deemanii hidhattootaan butaman tumsa mootummaa fi kubbaaniyyaa hojjettoota erge – Nikootikaa jedhamu, taasisaniin guyyaa 25 booda gadhiifamuu dhaabbati Nikootikaa beeksise.

Dhaabbatichatti hoogganaa pirojektii kan ta’an Obbo Mulugeetaa Allanee hojjettoonni butaman kunneen gadhiifamuu BBC’f mirkaneessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *