Wallagga Bahaa Saasiggaatti miseensa gaachana sirnaa nama ta’e qofatu tajaajila hawaasumma argata waan jedhameef jiraattonni rakkoof saaxilamaa jirra jedhu.

Wallagga Bahaa Saasiggaatti miseensa gaachana sirnaa nama ta’e qofatu tajaajila hawaasumma argata waan jedhameef jiraattonni rakkoof saaxilamaa jirra jedhu.

(SQ-Hagayya 4,2022)

Godina Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaatti gargaarsa adda addaa dhaabbilee miti mootummaatiin taasifamu dabalatee, tajaajila hawaasummaa zayita midhaan nyaataa, sukkaaraafi xaa’oon tajaajilota maayibaasii karaa waajjiraalee mootummaatiin kennamanii hundarraa namoonni miseensa Bilxiginnaa fi ijaarsa gaachana sirnaa keessa hin jirre dhiibamaa jiru jechuun hawaasni naannicha himaan.

Ijaarsi bara OPDO durii maqaa ‘tokko shanee’ jedhuun ture yeroo ammaa kana maqaa jijjiirrachuun ‘gaachana sirnaa’ jedhamee deebi’eera kan jedhan maddeen, namootni ijaarsicha keessatti ijaaramanii hojii siyaasa Bilxiginnaa hin hojjenne tajaajiloota kenna hawaasummaa hundarraa moggifamaa jiraachuu himaniiru.

Sababa kanaaf rakkoof saaxilamuu kan himatan jiraattonni, namni miseensa Bilxiginnaa ta’uu dhabe dhiibbaa hammaataaf saaxilamaa jiraachunsaa dhiibbaa xiinsammuu jala nu galchaa jira jechuun, sarbamiinsa mirga namoomaa isaanirratti raawwatamaa jiru dubbatu.

Bakka tajaajilaa hundattuu kan dursi kennamuuf miseensota Bilxiginnaa qofa ta’uun, namni hirmaannaa siyaasaa hin qabneefi paartii morkataa kan deggeru mirga jiraachuu dhabuusaa agarsiisaa jedhu !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *