Waldaan Wabii Maccaa ummata Milishaa Amaaraan Qe’eesaarraa buqqaafame qaqqabuuf sagantaa galii walitti qabuu qopheesse!
(SQ-Bitootessa 22,2022)
Waggoota sadan afran darbaniif ummanni Lixa Oromiyaa rakkoolee garaagaraatiin danqamee haala ulfaataa keessa jira. Rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf uummata Godinaalee Wallaggaa afuraniirra ture, akkasumas weerarri daangaa gama Naannolee Beenishaangul Gumuzii fi Amaaraatiin yeroo garaagaraatti uummata kana mudataa jiran rakkoolee jiruufi jireenya hawaasa naannichaa goolan keessaa isaan ijoodha.
Hawaasa Naannichaa sababoota garaagaraan jireenyisaa balaarra bu’e kanaaf birmachuufi dandamachiisuuf dirqama qabna kan jedhan dhalattoonni naannoo walitti dhufuun Waldaa Wabii Maccaa jedhu ijaarrataniiru. Rakkoo hawaasa keenya mudatetu yaada kanarraan nugahe jedhan geggeessitoonni Waldaa kanaa.
Dura Taa’aa Waldaa Wabii Maccaa Dr. Isaayyaas Giyoorgis Waldaan Wabii Maccaa erga hundaa’ee waggaa lamaa fi walakkaa lakkoofsisuu eeruun, sababni waldaa kana akka dhaabbannu nukakaase rakkina ulfaataa biyya keenyatti mudateedha jedhan.
“Oduun nuti waa’ee biyya keenyaa dhageenyu waan nama gammachiisu hin turre. Bu’uuruma kanaan namoonni Godinaalee Wallaggaa afuran keessaa dhufan walitti qabamanii uummata kanaaf maal goonu? Calluma jennee ilaallaa? Yaada jedhu irratti mari’achuu eegalan. Bu’uuruma kanaan yaada horii walitti qabnee erginee uummata kana gargaarra jedhu irratti waliif galame.
Kanumarra dhaabbannee Waldaa Wabii Maccaa hundeeffanne. Waldaan bifa kanaan hundaa’e yeroo ammaa guddatee iddoo addaa addaatti dameesaa babal’ifachuuf danda’eera”
Waldaan kun Kaayyoo garaagaraa qabaachuu kan ibsan Itti Aanaan Dura Taa’aa Waldichaa Obbo Balaay Galataa gama isaaniin, kaayyoo hundaa’eef bu’uura godhachuun hojiilee garaagaraa hojjetaa turuu ibsan.
“Waldaan keenya kaayyoonsaa akka Dombii /Barcuma/ miila sadiiti. Miillisaa inni tokko gargaarsa namoomaati. Miillisaa inni lammaffaan ammoo hojii Advocacy kan rakkoo naannoo keenyaas ta’e akka waliigalaatti uummata Oromoo mudatuuf ittiin sagalee taanudha. Miilli keenya inni sadaffaan ammoo misooma. Naannoo miidhame deebisanii dandamachiisuu fi misoomsuu irratti kan fuulleffatudha. Kaayyoon ijoo waldaa keenyaa sadan isaan kanneeni. Kanarra dhaabbannee uummata rakkoon isa mudateef yeroo garaagaraatti birmannaa taasisaa turreerra. Rakkoo uummata Oromoo mudate addunyaatti mul’isuufis ijaaramoota akka keenyaa, Dhaabbilee Amantaa fi Waldaalee hawaasaa biroo waliin qindoominaan hojjetaa jirra”
Baatii Fulbaanaa darberraa eegalee keessumaa Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti weerara Gareen Milishaa Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun socho’u baneen Ajjeechaa, Saamichi, Qabeenyi Manca’uu fi Uummanni kuma dhibbootaan lakkaa’amu qe’eesaarraa buqqaafamuun itti fufiinsaan taatee mudataa jirudha. Ummanni kun rakkoo isa mudate keessatti Qaama mootummaa irraas ta’e Qaamolee dhimmi ilaalu biroorraa birmannaa dhabuun haala akkaan ulfaataa keessa jira. Rakkoo keessa jirru keessatti qaama maraanuu dagatamneerra komiin jedhu hawaasa biraa irra deddeebiin dhagahama.
Komeen kun sirriidha, Barfannus uummata kanaaf qaqqabuutu nurra jiraata jedhan geggeessitoonni Waldaan Wabii Maccaa. Sagantaa galii walitti qabuu dhimma kanaaf oolu, kan dhalattoonni Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraarra jiran itti hirmaachuuf danda’an qopheessuus ibsaniiru.
“Komiin kun komii sirriidha. Akka rakkoo saba keenyarra gaheetti birmannaan keenya booddeetti harkifateera. Kanuma furuuf sagantaa galii walitti qabuu hatattamaa qopheessinee Sanbata Duraa dhufu, jechuunis Bitootessa 26, 2022’tti haala gaariin itti qophaa’aa jirra. Biyya Awustiraaliyaa fi Noorweyitti hojiin galii walitti qabuu kun durseeyyuu jalqabameera. Haalli namni keenya ittiin qooda irratti fudhataa jirus kan nama gammachiisudha” jedhan obbo Balaayi.
Dhalttoonni Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraatti argaman bifa hedduun sagantaa galii walitti qabuu kana irratti hirmaachuu akka danda’anuuf haala mijataa uumneerra kan jedhan ammoo Dr Isaayyaasi.