Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa bakka adda addatti namoota nagaa 6 ajjeessun 3 ammoo madeesse.

Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa bakka adda addatti namoota nagaa 6 ajjeessun 3 ammoo madeesse.

(SQ-Bitootessa 24,2022)

Bitootessa 21,2022 Godina wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Baabbii Kuwwee keessatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota lama Geetuu Tashoomee fi Mootii Guddinaa jedhaman haala suukanneessaadhaan Aalbeen yoo qalan, Mizgaanuu Nagaasaa kan jedhamu Ammoo rasaasaan Ajjeesuu maddeen SQ nuuf himan.

Oduuma walfakkaatun Bitootessa 23,2022 Poolisootni humna addaa mootummaa naannoo uummattoota kibbaa Xoopiyaa Naannoo Amaaroo jiran daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Kombolchaa fi Dibbee Qonqaatti ilmaan Oromoo 2 ajjeesun sadii ammoo madeessuu Maddeen SQ nuuf himan.

Haaluma wal fakkaatuun Bitootessa 22,2022 finxaaleyyiin Amaaraa Daangaa Beneshaangul Gumuz ce’uun Godina Matakkal Aanaa Dibaax Ganda Tuskii Gambeelaa keessa kan jiraatan Uummata Oromoo irratti dhukaasa bananiin Dargaggoo Joonsee Amsaaluu rasaasaan erga rukutani booda Aalbeedhaan qalanii ajjeesun Loon 80 inni tiksaa ture Saamanii deeman jedhu madden.

Ittuma fufuun Bitootessa 23,2022 ganduma kanatti Uummata irratti dhukaasa banuun erga ariyani booda Manneen 50 ol yoo guban haga oduu kana qindeessinetti namni du’e adda hin baane

Tibba darbes Bitootessa 15,2022 Finxaaleyyiin Amaaraa kunneen Godinuma Matakkal Aanaa Dibaaxitti Dubartii Ulfa Aalbeedhaan qalanii ajjeesuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Mootummaan Bilxiginnaa Humnootiin naannoo Biraa daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun gocha sanyii duguuggaa Uummata Oromoo irratti akka raawwatan gochuu itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *