Kongiresiin Federaalawaa Oromoo KFOn Kora Sabaa 2ffaa Finfinnee, galma Hoteela Waabii Shabaleetti geeggeessa jira.

Kongiresiin Federaalawaa Oromoo KFOn Kora Sabaa 2ffaa Finfinnee, galma Hoteela Waabii Shabaleetti geeggeessa jira.

(SQ-Bitootessa 26,2022)

Har’a Bitootessa 26,2022 ganama Korri Sabaa KFO 2ffaan eebba Abbootii Gadaatiin saaqameera.

Kora Sabaa 2ffaa kanarratti hooggantoonni KFO olaanoo, miseensonni dhaabichaa, hundeessitoonni dhaabichaa akkasumas geggeessitoonni dhaabolee siyaasaa Oromoo kan birooniifi bakka buutonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa argamaniiru.

Dura taa’aa dhaabichaa Pirofeesar Mararaa Guddinaa dabalatee hooggantoonni olaanoo KFO yeroo dhihoo mana hidhaarraa hiikaman: Obbo Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Jawaar Mohammad fi miseensonni biroos hirmaattota kora kanaati.

KFOni Kora 2ffaa kanaan dhimmoota keessoo dhaabichaa, sochii siyaasaa darbaniifi danqaawwan kana dura isa mudatan irratti marii kan adeemsisu ta’uutu ibsame. Kana malees haala hirmaannaa siyaasaa gara fuulduraatti adeemsisurrattis murtee ni dabarsa jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *