Qorannoon walabaa maallaqaan deeggaramuu hin qabu’ jechuun kan Itoophiyaan falmite UN kuffise
(SQ-Ebla 1,2022)
Koreen Idil-addunyaa waraana kaaba Itoophiyaan walqabatee yakka dhittaa mirga namoomaa raawwatame qorachuuf hundaa’e, deeggarsa maallaqaa akka hin arganne jechuun iyyati Itoophiyaan dhiyeessite kuffifame.
Yaa’ii Waliigalaa UN Kamisa kaleessaa kan Koree Baajataan gaggeeffamerratti murteen kun darbuu Rooyitars gabaase.
Komishiniin Qorattoota Mirga Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaaf (ICHRE) Muddee darbe Yaa’ii Mana Maree Mirgoota namoomaa UN gaggeesseen hundaa’e.
Mootummaan Itoophiyaa qaama walabaa idil-addunyaa dhiittaa mirga namoomaa biyyattii qorachuuf hundaa’e kana miira gaariin hin simanne.
Haadha Seeraa duraanii Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Fatuu Bensuudaan kan durfamu komishiniin miseensota sadirraa ijaarame kun, erga bara 2020 waraanni Itoophiyaa keessatti dhalatee as yakkoota waraanaa fi dhiittaa mirgoota namoomaa raawwate qorachuuf aangoo waggaa tokkoo qaba, isa booda haaromfamuu danda’a.
Walga’ii Koree Baajataa UN Kamisa kaleessaa, Bitootessa 31, 2022 gaggeeffamerratti Itoophiyaan barreeffamni maallaqa koree qorattootaa kanaaf ramadamu akka dhaabbatuuf qopheessite akka darbuuf dhiyeeffattee turte, garuu sagalee ga’aa argattee hin milkoofne jechuun AFP’n gabaaseera.
Bakka miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 193 argamanitti yaada Itoophiyaan dhiyeessiterratti sagalee kennameen, namoonni 27 yaada Itoophiyaa deeggaran, 66 ni morman, 39 ammoo sagalee osoo hin kennin hafan.
Haala kanaan koreen bajataa UN kun komishinii walabaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwate qoratuuf maallaqi akka ramadamuu fi deeggaramu murteesseera.
Dippiloomaatiin Itoophiyaa UN keessa jiran Lamlam Fissahaa Minaale, osoo koreen bajataa murteesaa hin dabarsin dura, ”Itoophiyaan hojii kanaaf beekamtii hin kennitu, hin fudhattus,” jedhan.
“Mirga namoomaa mirkaneessuu kan kaayyeffate miti, Dantaa siyaasaa akka ta’e ifadha,” jechuun koree walabaa kana qeeqan.
UNtti Ambaasaaddarri Dhimma Bulchiinsaa fi Rifoormii US Chris Lu, biyyisaanii hojii komishinii walabaa Itoophiyaa keessatti yakka dhiittaa mirga namoomaa raawwatame qoratu akka deeggartu ibsan.
Ergamni kana fakkaatu sababa maallaqaa gufachuu akka hin qabnes eeran.
Dubbi himaan Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Istiifan Dujaarik, komishinii (IHCRE) jaarmiyaa kanaan bu’uureffame, Mana Maree Mirgoota Namoomaan hundaa’e maallaqaan deeggaruun dirqama jedhan.