Dhiyeessitootni boba’aa guyyaa 10 booda lagannaa hojii taasisuuf haalduree kaa’an.

Dhiyeessitootni boba’aa guyyaa 10 booda lagannaa hojii taasisuuf haalduree kaa’an.

(SQ-Eebla 1,2022)

Waldaan Abbootii Qabeenyaa Geejjiba Boba’aa lagannaa hojii taasisuuf daangeeffama yeroo, guyyaa 10 akka kaa’e Gaazexaan Rippoortar gabaaseera.

Miseensonni waldichaa walga’ii waliigalaa kaleessa Bitootessa 31,2022 Hoteela Waabi Shabaleetti gaggeessaniin mootummaan rakkoo jiruuf xiyyeeffannoo kennaa waan hin jirreef lakkoofsa konkolaattota boottee boba’aa deddeebisan 3500 turan irraa dhibbeentaa 20n hir’ateera jedhan.

Haala amma jiruun, Finfinneerraa Jibuutii gahanii deebi’uuf baasii kuma 75 akka baasanii fi kana keessa ammoo kasaaraa qarshii 25,000f akka isaan saaxile kan ibse waldichi, kunis sababa gatiin birrii gadi bu’ee fi gatiin sharafa biyya alaan dabaleef akka ta’e eereera.

Haaluma kanaan miseensonni waldichaa dhibbaatamaan lakkaawwaman mootummaan guyyaa 10 keessa furmaata isaanif hin laatu taanaan lagannaa hojii akka waaman beeksisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *