Gujii Lixaatti waraanni Bilxginnaa maatii tokko keessaa namoota 4 albeedhaan yoo qaluu Ollaama isaaniidha namoota 3 rasaasaan ajjeese.
(SQ-Bitootessa 30,2022)
Bitootessa 28,2022 Waraanni Bilxiginnaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda Yaabaa Sireetti maatii tokko keessa namoota sadii maqaan isaanii
Dhaddacha Busee, Ushoo Qilxaa, Aagaa Muudaa, Ji’oo Shuxxee jedhaman Aalbeedhaan yoo qalan, Ayyalaa Daakuu, Taaddasaa Irbaa, Goobanaa Boruu, kan jedhaman ammoo ollaama isaaniidha rasaasaan ajjeesuu Maddeen keenya nuuf himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo gandicha keessatti Waraana Bilxiginnaa irratti fudhateen of kaluu dadhabuudhaan aarii isaanii uummata nagaatti ba’an jedhu maddeen .
nammoonni ajjeefaman kunneen siyaasa keessaa qooda kan hin qabnee ta’uus odeeffanneerra.
Bilxginnaan tibba kana duula gudda maqaa Oppiraashinii Farra riphee lola jedhun Oromiyaa irratti waraana labsuun uummata nagaa kan durii caalaatti ajjeessuuf qophii irraa kan jirudha.