Yuuniversitiin Finfinnee dhalattoota Oromoo hojii eegumsaa irratti ramadaman hojiirraa ari’aa jiraachuun dhagaa’ame.

Yuuniversitiin Finfinnee dhalattoota Oromoo hojii eegumsaa irratti ramadaman hojiirraa ari’aa jiraachuun dhagaa’ame.

(SQ-Ebla 3,2022)

Yuunvarsiitiin Finfinnee jeequmsa finxaaleyyiin Amaaraa tibba darbe kaasan sababeeffachuun, waardiyyoota sabaan Oromoo ta’an adda baasee ari’aa jiraachuun dhaga’ame.

Torbanoota muraasa dura Yuunvarsiitii Finfinnee keessatti, arrabsoo sanyummaa Oromoorratti raawwatame balaaleffachuun, barattoonni Oromoo Yuunvarsiitichaa hiriira ba’uun niyaadatama.

Hiriira barattootaa mooraa Yuunvarsiitichaa keessatti godhameen boodas, Pirezedaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee fi Bulchiinisi moorichaa barattoota Oromoo waliin mari’achuudhaan, qaamolee arrabsoo sanyumma raawwatan qorachuun seeratti dhiheessuu, barattoota walitti bu’insa sabummaa uumuuf yaalan adda baasuun adabuu fi rakkoolee bulchiinsa Yuunvarsiitichaan walqabatan sirreessuuf waadaa galanii akka turan dubbatu barattoonni. Haa ta’uu malee waadaan galame ammallee kan hin raawwatamneefi inumaayyuu barattootaafi hojjettoota Oromoo ta’anirra dhiibbaan qaqqabaa jiraachuu maddeen nuuf himan.

Yuunvarsiitichi xalayaa Bitootessa 21/2014 barreesseen, Gurmuun Waardiyyootaa Yuunvarsiiticha eegan, waliigaltee waggaa sadiif mallatteessan qabaatanis, utuu Kontiraata isaanii hin xumurin akka hojiirraa geggeeffaman ibsa.

Namoonni hojii dhaabsifaman kunniin irra jireessi isaanii dhalattoota Oromoo ta’uu himu, hojjetaan moorichaa dubbisne. Sababni hojjettonni kunniin hojii isaaniirraa ari’atamaniif, Barattoonni Amaaraa Yuunvarsiitii Finfinneetti baratan, “Waardiyyaan Oromoodha; hojjetaan Oromoodha, Nageenya keenyaaf sodaanna” jechuun gaafachaa turuu isaaniiti jedhe. Bulchiinsi Yuunvarsiitichaa gaaffii barattoota Amaaraa kana giddu galeeffachuun murtee kana dabarsuu ibse.

Hojjetaan moorichaa dubbisne kun, gurmuun Waardiyyootaa gaaffii barattoota Amaaraatiin hojiirraa geggeffaman kun reef ji’a torba kan hojjetan ta’uufi kontiraata waggaa sadii qabaachuu ibseera.

Xalayichi waardiyyoonni kunniin Ebla 15, 2014 irraa eegaluun mooraa akka gadi dhiisanii ba’an ajaja. Waardiyyoonni kunniin baayyeen isaanii maatii kan of jalaa qabaniifi itti gaafatamummaa maatiillee kan qaban ta’uus odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *