#ODUU_GADDAA!

๐‘พ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’‚ ๐‘ฉ๐’‚๐’‰๐’‚๐’‚.
Eebila 06/2022
Godina Wallagga bahaa, ona Kiiramuu ganda Baabboo Araddaa Ejersaa jedhamutti qaamni mootummaa faashistii Abiyyi milishaa jedhee bobbaase dargaggoo #Firoomsaa_Tasfaayee_Nugusee jedhamu rasaasa itti roobsuun guyyaa har’aa Eebila 6/2022 ajjeesanii bakkeetti gatani.
Dargaggoon kun dhalataama ganda kanaa ta’ee barataa University Qebirdihaar waggaa 1ffaa boqonnaaf gara maatiitti galee jirudha. Kutaa 1-10 achuma Magaalaa Kiiramuutti kan xummure. Kutaa 11-12 immoo Magaalaa Naqamtee mana barumsaa Qophaa’ina Jiituutti argamutti deemeeti kan baratee xummure. Yeroo Magaalaa Naqamteetti barachaa ture kanatti qormaata seensaa utuu hin fudhatiin bara 2021 qabamee mana hiraarsaa Magaalaa Naqamtee kan Kumsaa Morodaatti ji’oota 5 oliif hiraarfamaa kan turedha.Firoomsaan nama garraamii fi barnootasaattillee qaxalee nama turedha.
Walumaa galatti dacheen Aanaa Kiiramuu dhiiga qulqullootaa baayyee kanneen qaama mootummaa ofiin jedhuutiin ajjeefaman danuu dhugdeetti! Dachee dhiigaati! Dhiigni Ummata Oromoo garraamii lafatti jige kun ol Waaqatti haa iyyu jenna!
Maatii fi hiriyyoota isaaf jajjabina hawwaa injifannoon Ummata Oromoof!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *