Wixineewwan seeraa HR6600 fi S3199 US Itoophiyaa ilaallatan raggaasisuun akka turu murtaa’eeraa jedhame soba ta’uu BBCn mirkaneesse.
(SQ-Ebla 7,2022)
Mootummaan Ameerikaa waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemu fi gaaga’ama namoomaa isaan walqabatee dhalateef gaafatamni akka jiraatu wixineewwan seeraa qopheesse raggaasifamuurraa akka turan murtaa’eera gabaasaaleen jedhan bahanillee, BBC ragaalee dhimmichi adeemsa idileerra jiraachuu akeekan argateera.
Wixineen HR6600 mataduree ‘tattaaffiiwwan tasgabbii, nagaafi diimokiraasii Itoophiyaa deeggaruu’ (To support stabilization, peace and democracy efforts in Ethiopia) jedhuun dhiyaate Guraandhala keessa deeggarsa manneen maree lamaanii US argatee seera ta’ee bahuuf gara Koongireesii biyyattiitti dabarfamee ture.
Wiixineen seeraa miseensa Kongirasii Niiw Jeersii kan ta’an Toom Maaliinowskiin mana maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaatti beeksiifame kunis hojiirra kan oolfamu yoo ta’e, ”irree Ameerikaa cimaa Itoophiyaarra bu’u” ta’a jedhamaa ture.
Guyyoota lamaan darban wixineen seeraa kun Kongireesii Ameerikaatiin raggaasifamuurraa akka barfatu murtaaheera odeeffannoon jedhu miidiyaalee Bilxginnaan bal’inaan gabaafameera.
Miidiyaaleen Bilxginnaa Ethiopian American Civil Council waabeffachuun gabaasa hojjetaniin wixineen kun seera ta’ee bahuurraa akka turu waliigalteerra gahameera jedhan. Gabaasa kana dhaabni biyya bulchus marsaalee hawaasaa gubbaatti qooddateera.
‘
Yaadni yeroof raggaasifamuurraa akka turu murtaaheera jedhuun faallaan wixineewwan seeraa kun adeemsa idilee keessa darbaa akka jiran qondaalttootni US’s ni himu.
BBC’n dhimmicha House Foreign Affairs Committee akka qulqulleessu gaafatee wixineewwan kun adeemsa idilee keessa darbaa jiraachuu deebii akeeku argate.
Gareen Kominikeeshinii koree kanaa deebii BBCf kenneen wixineewwan kunneen akka tursiifaman murtaa’uu ilaalchisee ifatti deebii hin kennine.
Haata’u malee wixinee seeraa kanatti dhimma bahuun itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf korichi kutannoo akka qabu ibseera.
“Seerota kanatti gargaaramuun mootummaan Ameerikaa qaamoleen waraanni waliinii akka dheeratu, deeggarsi namoomaa akka hin geenye dhowwatan, sarbama mirga namoomaa raawwattan hunduu gaafatamtoota akka taasisu murannoon jira” jedheera.
Miseensi koree hariiroo alaa Seenaatar Jiim Riish kan Idaahootti filataman tiwiitara isaanii gubbaatti gabaasa jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman yakka Lixa Tigraayitti raawwate saaxiluu irratti yaada kennan keessatti yakkoonni raawwataman barbaachisummaa wixineewwan seeraa akka wixinee S3199 kan koreen isaanii torbee darbe raggaasee dabarsee agarsiisa jedhan.
”Wixineen torbee darbe manneen maree lameen irraa deeggarsa guddaa argate adeemsa seeraa idilee keessa darbaa jira” jedhan senaatarri kun.
Wixineen seeraa kun akka qophaayu kanneen qooda qaban keessaa tokko kan taateefi dhaabbata advookesii mataa ishee OLLA jedhu hundeessitee kan sochootu aadde Seenaa Jimjimoo, wixineewwan kunniin akka turan murtaa’eera kan jedhu dhugaa miti jechuun BBC’tti himteetti.
Qophii wixinee kanaa keessatti qaamoleen hirmaatan hedduu ta’uuf adeemsa seeraatiin qaamolee hirmaatan kana waliin mariin osoo hin gaggeeffamne murteen akka dhaabatu jedhu darbuu hin danda’uu jetti aadde Seenaan.