Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa fi itti aanaan isaa har’a Finfinnee galu
(SQ-Ebla 13,2022)
Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Deevid Sattarfiild fi Itti aanaa Ergamaa Addaa Paayiton Noopif Ebla 13 gara Itoophiyaa imaluun aanga’oota mootummaa, bakka bu’oota dhaabbilee namoomaa fi dippiloomaatota waliin akka mari’atan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.
Daawwannaan kun carraaqqii Ameerikaan waraana dhaabsisuu, karaa gargaarsa namoomaa bansiisu, sarbiinsa mirga namoomaa fi badii qaama hundaan godhame irratti qorannoo ifaa akka taasifamu akkasumas waldhabdeen Itoophiyaa keessa jiru mariin akka hiikamu gochuuf taasistu itti fufsiisa jedhame eegama.