Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo Ganda Galaan Waddeessaa keessatti waraanni Mootummaa dargaggoota sadii nagaa fixuu jiraattonni himan.himan
(SQ-Adoolessa 29,2022)
Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa keessatti waraanni mootummaa dargaggoota nagaa sadii fixuu jiraattonni SQtti himan.
Kibxata darbe ijoollee sadii maqaan isaanii Shaamballii Shuumii, Araarsaa Diimaa fi Waaqumaa Hirphasaa jedhaman ganda Waddeessaa keessaa funaanuun ganduma kana bakka addaa Tulluu Magaalloo jedhamu irratti ajjeessuu jiraattotatu SQ tti hime.
Ijoollee umriin isaanii 20 gadii kanneen reeffa isaanii roobii kan argatan maatiin kadhaa meeqan waraanni mootummaa reeffa erga kennee booda awwaalcha isaanii irratti dhiirri tokko akka hin argamne ittisuu dubbatu namoonni dubbifne.
Guyyaa sana booda ijoollee dhiiraa umrii 15 olii daandii irratti akkan hin agarre jedhee akeekkachiisee jira waraanni mootummaa jedhan.
Ajjeechaa kana kan raawwatu raayyaa ittisa biyyaa sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoof bobba’e kan jedhan warri kun galaa fi odeessa Waraana Bilisummaa Oromootif kennitu jechuun akka gocha sukkanneessaa kana raawwatu himu jiraattonni.
Sababa kanaan maatii hedduun ganda Galaan Waddeessaa kana irraa buqqa’ee magaalaa fi bakkeetti faca’ee rakkachaa jiraachuu odeeffanne.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti uummanni ganda Galaan Waddeessaa jiraatu erga dararaa humnoota mootummaa himachuu jalqabee ji’oota 4 caalee jira.
Aanaan magaalaa Amboo marsee jiru kun dawoo Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuudhaan humna guddaa garas kan bobbaase mootummaan Bilxiginnaa lammiilee nagaa maqaa waraana kanaan ajjeesaa qe’ee irraas buqqisaa jira jedhame.