Aanaa Noonnootti Haleellaa hidhattootaan lubbuun namaa darbuun manneen 40 ol gubatan

Aanaa Noonnootti Haleellaa hidhattootaan lubbuun namaa darbuun manneen 40 ol gubatan

(SQ-Ebla 14,2022)

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti haleellaa hidhattoonni raawwataniin manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 ol fi beeladooni gubachuu akkasumas lubbuu namootaa baduu Waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa beeksiise.

Haleellaa A.L.I Ebla 02, 2014 gandoota Aanichaa Alii Aboo Saree fi Huleegeetaa Karrayyu jedhamanitti raawwatame manneen jireenyaa qonnaan bulaa 46, beeyladooti mana keessa turan gutummaatti barbadaa’u Waajjirri kominikeshiinii kun himeera.

Dabalataan ammoo Ebla 04,2014 Godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti finxaaleyyiin Amaaraa miidhaa lubbuu fi qabeenyarraan gahaa jirachuu Obbo Alamaayyoo Warquu bulchaan Aanaa Noonnoo waabeefachuun waajirichi beeksiiseera.

Haleellaa walfakkaataa hidhattoota ‘fiinxaleeyyii Amaaraatu’ ABO Shaneen miidhaa nurraa gahaniiru jechuun halkan dahoo godhatanii A.L.I Bitootessa 27 bara 2014 raawwatanis aanichatti ganda Hurrumuu Qorkeetti maatii tokko keessa namoonni afur yoo ajjeefaman, namoonni 6 biroo ammoo madaa’uus Waajjirri Komunikeeshinii Aanicha gabaasa fuula feesbuukii isaarratti baaseen beeksiseera.

Kanaan duras dhuma baatii Sadaasaa keessaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo gandoota shanitti haleellaa walfakkaataa raawwateen namoonni ajjeefamuu BBCn jiraattootaafi buulcha aanichaa Obbo Waarqinaa Furgaasaa dubbisuun gabaasee ture..

Qonnaan bulaan Aanichaa ganda Alii Aboo Saree BBCn dubbise Obbo Duulaa Bayyuu manni isaanii akkasumas kan abbaa isaanii haleellaa Sanbata galgala raawwatameen jalaa gubachuu himu.

Waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa manneen 46 gubachuu haa himu malee, qonnaan bulaan kun akka jedhanitti ganda isaanii qofaatti manneen gubatan 100 ol ta’u jedhan.

Haleellaa hidhattoonni raawwatan kanaan mana, beeyladootaa fi midhaan isaanii jalaa gubachuu kan himan qonnaan bulaan kun, “harka duwwaan hafe” jedhu.

“Boqqolloo kuntaala 37, xaafii kuntaala 16, uffanni otoo hin hafiin mana koo faana gubate, lubbuukoo malee waantin qabu homtuu hin hafne,” jedhan.

Manni, horii fi qabeenyi qonnaan bultoota ollaasaanii biroo horatan haaluma wal-fakkatuun Sambata darbe galgala naannoo sa’aatii tokkootti hidhattootaan jalaa gubachuu himu Obbo Duulaa Bayyuu.

“Namoonni horii, miidhaanii fi manni isaanii gubatee bakkeetti hafan,” jedhan haala ture wayita ibsan.

Gaafa sana haatii isaanii balaa qe’ee saaniirra qaqqabe jalaa lubbuun ooluuf otoo baqatanii kufanii miidhama qaamaaf saaxilamuu kan himan Obbo Duulaan, hospitaala Walisootti wal’aansarra akka jiran dubbatu.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa hidhattoota miidhaa namaafi qabeenyarraan qaqqabsiisuun shakkaman torba hangaa yoonatti to’atamuu gaazexaa motummaa kan ta’e Bariisaatti himaniiru.

Hidhattoonni kun aanaa Ammayyaarraa gara Aanaa Noonnootti ce’uuni haleellaa kana raawwatani jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *