Kaabi Oromiyaa Walloon haala ulfaataa keessa jira.
(SQ-Ebla 18,2022)
Akka maddeen oduu gabaasaa jiranitti kaleessaa qabee Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Onoota garagaraa keessatti hidhattootni naannoo Amaaraa fi Affaar lola bal’aa lammiilee Oromoo irratti bananii jiran.
Lola kanaan lubbuun namaa kan ba’aa jiru oggaa ta’u, ummatni qe’ee isaa gadhiisee baqataa jiraachuu illee maddeen kunniin ni ifoomsu.
Gandootni Wasan Qurqur, Ifaatii fi kkf lola ulfaataa keessummeessuun kan dhaga’ame yoo ta’u, ummatni lakkoobsaan guddaa ta’es ijoollee guurratee qe’ee gadhiisee akka baqataa jiru hubachiisu maddeen kunniin.
Weerara hidhattootni naannoo Amaaraa fi Afaar Oromoo Godina Walloo irratti bananii jiran kana irratti meeshaalee gugurdaan dushqaa jedhamuu fi matarayasootni, darbees meeshaalee biroon irratti hirmaachuun gabaasamaa jira.
Bulchiinsi naannolees ta’u kan federaalaa hanga ammaatti waan lola kanaa fi ummata gaaga’amaa jiruu waan dubbate akka hin jirres ibsameera.
Maqaa “Shanee bal’eessuu” jedhuun duulli bal’aan guutuu Oromiyaa irratti ummata Oromoo irratti geggeessamaa fi lubbuun lammiilee nagaa akka baalaa harca’aa waan jiruuf, kan Oromoo Walloo kunis qaamuma kanaatti waan fudhatameef dhimma karooraan deemaa jiruu dha; kanaaf callisni filatame jechuun agabaastotni keenya maddeen warra dubbicha keessa beekan waabeffachuun saaxilaniiru.
Gama biraan weeraramuu Oromoo Walloo kan ilaaluun guyyaa har’aa kana bifa adda ta’een oduu ho’aa miidiyaalee hawaasaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, ummatni Oromoo karaa danda’uun Oromoo Walloof dirmatuu qaba kan jedhus dhaamsi bal’inaan darbaa jiraachuu agabaastotni SBO waan arganii fi dhaga’an gabaasaniiru.
Lola oromoota walloo irratti banameen gandi wasan qurqur fi ifaat guutumatti buqqa’ee jira. Shiftaa “Fannoo” fi HAA moitummaa naannoo amaaratiin deeggarame meeshaa gurguddaadhan haleella gochaa jira. Dishqaa fi matariyeesi dhukaasa jira. Ummanni ke