Humni Qilleensaa Bilxiginnaa Shawaa Lixaatti Uummata nagaa haleele.
(SQ-Ebla 22,2022)
Kaleessa haleellaan Diroonii kun raawwatamuun dura Helikoopterri waraanaa naannicha marsaa turuu kan himan maddeen odeeffannoo keenyaa, gara galgalaa Ganda Doggomaa Kibbii jedhamutti yeroo lama haleellaan Diroonii raawwatamuu nuuf ibsan.
Haleellaa kanaan uummanni nagaa miidhamuun, yoo xiqqaate lubbuun namoota 15 darbuu fi horiifi midhaan dabalatee qe’ee fi qabeenyi hawaasaa manca’uu ibsan.
Aanichatti torban Kamisa darbeerraa eegalee lolli guddaan waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti geggeeffamaa jiraachuu kan ibsan jiraattonni Aanaa Abunaa Gindabarat, battala haleellaan Diroonii kun raawwatametti garuu Ganda haleellaan kun irratti raawwatame keessa lolli akka hin turre himan.
Haleellaa raawwatameefi lola tibbanaa hordofee gandoota Doggomaa Kibbii fi Doggomaa Yagoot jedhaman keessaa, uummanni buqqa’ee bosonatti baqateera.
Waraanni mootummaa qe’ee keenyatti nufixaa jira, gama daangaa naannoo Amaaraatiinis Milishaa Faannoo nutti bobbaasaa jira kan jedhan jiraattonni Aanichaa, Oromoon marti hawaasa qe’eesaa irratti dhumaa jiru kanaaf sagalee akka ta’u gaafataniiru.
Bulchiinsi Abiy Ahimad kana duras Walloo, Wallaggaa fi Tigiraayitti irra deddeebiin haleellaa Diroonii raawwachuun lubbuu lammiilee nagaa fi qabeenya hawaasa hedduu balleessuun yakka waraanaa raawwataa turuun waan yaadatamudha.
Gama biroon lola jabaa tibbana Aanaalee Gindabaratiifi Abunaa Gindabaratitti geggeeffamaa jiruun walqabatee, Waraanni Bilisummaa Oromoo injifannoo guddaa Waraana mootummaa Bilxiginnaa irratti gonfataa jiraachuu ibseera.
Jiraattonni Aanaa Abunaa Gindabarat haala naannoo isaaniitti deemaa jiru ilaalchisuun yaada kennanin, injifannoon Waraanni Bilisummaa Oromoo labsate qabatamaadha jedhu. Miidhaan jabaan waraana mootummaa mudataa jiraachuus mirkaneessan.
Lola kanaan qondaalli Olaanaan Waraana Biltsiginnaa maqaan isaanii yeroof adda hin baane Waraana Bilisummaa Oromootiin haleelamuu kan ibsan maddeen , Qondaalli waraanaa rukutame kun Helikoopterrin ergameefii kaafamuu himan.
Jiraattonni naannoos Helikoopterri waraanaa naannichatti ergamuun qabatamaa ta’uu mirkaneessaniiru. Kana malees waraanni Bilxiginnaa lakkoofsaan guddaan dhumachuu quba qabna jedhan. Haleellaan Diroonii Aanaa Abunaa Gindabarat Ganda Doggomaa Kibbiitti raawwatames taatee kana hordofuun akka ta’e ibsameera.
Gindabaratii fi Abunaa Gindabarat dabalatee, Aanaalee Godina Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Salaleetti itti fufiinsaan lolli deemaa jiraachuus odeeffanneerra.