(SQ-Ebla 27,2022)
Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeefamaa jiruun walqabatee haleellaa qilleensarraan raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa darbuu jiraattonni himan.
Aanichatti ganda Doggomaa Kibbiitti haaleellaa mootummaan Itoophiyaa raawwate jedhame kanaan lubbuun namoota 25 darbuu jiraataan dubbisne tokko himan.
Haleellaan kun Jimaata darbe kan raawwatame ta’uufi uummanni naannichaa baqatee bosonaafi holqatti galeera jedhan jiraataan haleellicha ijaan arguu dubbatan.
”Goxii Kibbii keessatti gaafa Jimaataa galgala sa’a 12 irratti haleellaa namatti hin tolle raawwatan. Uummanni baqatee kaan hallayyaa keessa bu’e. Dubartoonni shan bosona keessatti dahan, dubartiin tokkoo isaan keessaa fayyaan ishee rakkoo keessa jira, nyaatallee argachuu hin dandeenye,” jechuun waan arge ibsa jiraataan kun.
Itti-gaafatamaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa Obbo Tasfaayee Mirreessaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti mootummaan hidhattoota irratti dirooniidhaan haleellaa raawwachuun dhugaa tahuu himaniiru. Garuu miidhaa namoota nagaa irra gaheef odeeffannoo hin qabu jechuun BBCtti himan.
Itti-dabaluun jiraataan dubbisne humni waraanaa mootummaa horii uummataa 220 ol tahu gara laga Mogoriifi laga Abbayyaa gidduutti oofuun, akkasumas re’oota goxii Kibbii keessaa qalachaa turuu himan.
”Uummata keessaa namoota nagaa 25 tahantu du’e. Namoonni torba osoo haleellaa xiyyaaraa baqatanii hallayyaa keessa bu’anii du’an.”
Jiraataan kun miidhaa lubbuufi qabeenya irra gahe kana ija isaaniin arguu himan. Itti dabaluun kana dura hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha keessa deddeebi’aa turan. Kanaaf, xiyyaaraan haleellaa raawwatan jedhan. Dubbii Himaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaa wajjiin waraanatti jiruu Odaa Tarbii haleellaan qilleensarraa uummata nagaa sodaachisuufi jiilchisuu malee waraana isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne BBCtti himan.
Mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo gabaabaa keessattan balleessa jechuun ‘oppireeshinii qindaa’aa’ gaggeessaan jira jedhe. Kanaanis hidhattoota ”ABO-Shanee” irratti tarkaanfii fudhataa jiruun milkaa’aa jirra jechuun ibsa baasee ture.
Haatahu malee, Odaa Tarbii dhimma oppireeshinii kanaa irratti yoo dubbatu, ”loltoonni Waraana Bilisummaa Oromoo dhaabbatanii lolaa jiru. Wareegama barbaachisu kaffalaa jiru. Injifannoo malee waan biraa hin argine. Waraanni mootummaa lafa kana dura bilisa bahe deebisee harka galfate hin qabu,” jedhan.
“Lakkoofsi loltoota mootummaa booji’aman 400 ni ta’a, meeshaan waraanaa ammoo hedduudha,” jedhan.
Namoonni Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat kessaa dubbisne loltoonni Waraanni Bilisummaa Oromoo bakka duraan turan irraa gadhiisanii bahuu himu.
Odaa Tarbii bakkicha gadhiisanii jechuun achii dhiisanii bahuu miti. Naannichuma keessa socho’u jedhan. Kun ammoo tarsiimoo waraanaati jedhan.
Mootummaan dirooniidhaan kan haleele bakka uummanni nagaan jiraatudha kan jedhe Odaan, “dhiyeenya bakka Dogomaa jedhamu rukutuun manneen sadii gubaniiru. Waraana keenya hin arganne. Uummataaf nu yaddeessa malee waraana keenya irra miidhaan gahe hin jiru,” jedhe.