Yuuniversiitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 6 keessatti eda galgala Doormiin Barattootaa sakatta’amaa buluun dhaga’aame.
(SQ-Caamsaa 1,2022)
Eda galgala jechuun Ebla 30 ,2022 Yuuniversiitii Finfinnee kiiloo 6tti sababa hin beekamneen doormiin barattootaa sakatta’amaa buluu maddeen keenya nuuf himan.
Ammaan dura mooricha keessatti arrabsoo sanyummaa barattoota gidduutti adeemsifame tureen walqabatee yeroo garaa garaatti mooricha keessatti jeequmsii ka’aa ture.
sakatta’insi doormii Kun kan jalqabaa miti kan jedhu maddi keenya mooraa kana keessatti maaltu eenyuun akka godhamaa jiru ifaa miti jedha. Kun ammoo jeequmsa kaasuu akka danda’u sodaan tokko tokko barataatti
mullatuu nuuf himaniiru.!